Tuesday, December 12, 2017

Gaaffii: OPDO, Dhabbilee Siyaasaa fi Aktiivistoota Oromootiif.

Gaaffii: OPDO’f.
Ø Yeroo amma Woyyaaneen woraana isii Oromiyaa keessatti bobbaastee Oromoo lafarraa fixxu OPDO walitti bu’iinsa maaliif jetti?

Ø Woyyaaneen Oromiyaa keessatti yakkaa yoo hojjattu “seeraan ilaallaa” jedhan worri OPDO, seeraayyuu Woyyaane cabsaa jira; akkasuma manni mutiille Woyyaanetti harkaa qaba waan ta’eef, seeri isaan ilaalaniin kun kam? Woyyaaneen Oromiyaa seenanii seera cabsuun dura, Woyyaanuma Oromiyaa keessa maaliif fidan yookiin eeyyaman? Ofiif biyya bulchuu dhadhabanii daboo/jigii/guuza Woyyaanee yaammatan moo tunuu maal?
Ø  OPDO tooftaaf dubbii afaanii jijjiiratte moo, tooftaa Oromoo fayyadu jijjiiratte?
Ø  OPDO’n dhugumaan Woyyaanee wajjiin waldhabdee jirti moo sobdee waldhabdee?
Ø  OPDO Obbo Lammaa Magarsaa kun dhuguma haasawa afaaniirra kan darbe, gochaan Oromoo cinaa dhaabbachaa jirtii?
Ø ‘Sabboonummaan’ OPDO kan yeroo ammaa kun, ilaalcha ABO ittiin rukutuuf moo, dhugumatti Oromoo bilisa baasuuf?
Ø  Ummata Oromoo kan bulcha jiru OPDO dha; ummataan tasgabbaa’a jedhaniinii, erga ummanni tasgabba’ee duuba waraana itti bobbaasuun kun maal?  Ummanni OPDO dhaga’ee tasgabbaa’e haa jennuu mee; “woraanaan walitti bu’e” jechuun kun maal? Oromiyaan dirree waraanaati moo?  Ummanni Oromoofi Poolisiin Oromiyaatuu kunoo waliif galanee, woraanni Woyyaanee hoo  maal fuudha Oromiyaa keessaa?   
Ø Yeroo Oromoo Abdi Ille adabbii seeraatiif eeguutti, gaafa Woyyaaneen Abdi Illeetiif badhaasa waancaa kenniteef Oromoon ‘qurxii’ isaa beekateera. OPDO’n hoo ‘qurxii’ isii hin beekkanne moo, jara ABDII ILLEE badhaase san duubaan jirti? OPDO, mee yeroo amma kana dubbii keessan kana uummanni dhugaa fi dhara ta’uu isii akkamiin adda haa baafatuutii?
Ø Yeroo Woyyaaneen Oromoo lafarraa fixaa jirtu kana, OPDO’n dhaabbi yookiin murtee isii maaliif uummataaf hin ibsinee? OPDO’n amma gara ummataa jirti moo fakkeessuun gama Woyyaanee jirti?
Ø  OPDO’n dhugumaan yoo gara Oromootti deebitee jiratte, maaliif badii Woyyaanee kana akka nama maqaa haadha soddaa lagatuutti maqaa Woyyaanee lagatte, “KIRAA SASSAABDOOTA, KONTIROOBAANDISTOOTA…” jechuun haasoftii? Tooftaa…jedhu, tooftaan kun hujiirra kan oolu erga Oromoon lafarraa dhumeen duubaa? Ergasuu tooftaan kun amma Oromoo fayyadaa jira mooree, Oromoo miidhaa jiraa?
Ø Yoo akka afaaniitti, Oromiyaan OPDO’n kan bultu taate, Agaazii maaliif Oromiyatti galchan? Yoo beekamtii fi fedhii isaanii malee woraanni Woyyaane kan gara Oromiyaa gale ta’e, waan biraatuu afaaniin bulleessanii kan woraana Woyyaanee kanarraa maaliif irraa dubbatuu dhiiste OPDO’n?
Ø Sochii dinaagdeefi daldala hundaa Woyyanetti harkaa qaba waan ta’eef, maallaqni maqaa gargaarsaatiin guurame kun deemee-deemee kaazinaa Woyyaanee kan seenuufi gara galee miidhaa Oromoo irratti kan dhaqqabsiisu yoo ta’e hoo?  “Oromoota naannoo Somaalee irraa buqqa’an gara Somaaleetti deebisnaa” jechuun, maallaqa guurame ABDII ILLEEtiif  dhaqaa kennaa jechuu hin ta’umoo?
Ø “OPDO’n osoo kan jijjiirama dhugaatiif qophooftee jiraatte badii tokko malee kan hidhaman, hoggatoota siyaasaa Oromoo qabsoo karaa nagaa jedhanu, Dr. Mararaa Guddinaatiifi Obbo Baqqalaa Garbaa faa  hidhaarraa akka hiikkamaniif dhiibbaa gootii” namoonni jedhan hedduudha. OPDO’n Obbo Lammaa Magarsaa akka Dr. Mararaa Guddinaatiifi Obbo Baqqalaa Garbaa faa  hiikaman garaa isaaniirraa ni fedhanii?
Ø Haasawa Obbo Lammaa Magarsaa kana “bubbullee ilaallaa” jechuun kun, yeroon bubbulanii ilaalan hin dabarree?
Ø OPDO’n kaleessaa Kaayyoo Oromootiif miti, kan hundoofte. Ammaayyuu hanga olaantummaan Woyyaanee jirutti dantaa Oromoo tiksuu hin dandeettii? OPDO’n olaantummaa Woyyaanee cabsite moo, afaaniin cabsaa gochaan olaantummaa Woyyaanee tiksaa jirti?
Ø  “OPDO filannoo lama qofa qabdi. Tokko akkuma afaaniin jedhaa jiran, Woyyaaneerraa citanii ummata Oromootti galuu. Gaafa filannoo jalqabaa kana filatane, Woyyaaneen waldhaban. Gufuu bilisummaa Oromoo ta’uun hafee, qaama qabsoo bilisummaa Oromoo taati OPDO’n” kan jedhan hedduu. “Filannoon Lammeessoo ammoo, tooftaa jijjiirachuun damma afaan dibatanii akkuma baran ummata Oromoo gufuu itti ta’uun fixchiisaa jiraachuu. Kana kan godhan yoo ta’an, yeroo dhihoo keessatti sobni isaanii itti barame ummanni Oromoo yeroo dhumaatiif Woyyaaneefi OPDO ille waluma faana ka’ee balleessa. Osoo onneefi kutannoon jiraatte OPDO’n filannoo tokkeessoo irratti yeroon seenaa hojjattu ammaa” warri jedhanille jiran. Ummanniifi miseensonni OPDO hoo yaada kana akkamitti ilaalaa?

Gaaffii: Dhabbilee Siyaasaa fi  Rogeeyyii (Aktiivistoota) Oromootiif.

Ø “Dararaa Woyyaaneen ummata Oromoo irraan gahaa jirtu, adda durummaan kan komatamuu qabu, hoggantootaa dhaabbilee siyaasaa Oromooti. Hoggantoonni kunneen silaa garaa garummaa jidduu isaanii xumuratanii, kaan woliifuu obsanii, kaan woliifuu dhiisanii yeroon tun silaa yeroo ormaayyuu  fira godhatanii woyyaanee qofarratti qabsa’uu qaban turan. Amma garuu wanti argaa jirru faallaadha. Jarri  kun, yeroo Woyyaaneen ummata Oromoo lafarraa fixaa jiran kana yoo woliif hin galin, yoom waliif galuuf deemanii?” gaaffiin jettu hawaasa baldhaa keessa jira. Dhaabbileen siyaasaa gaaffilee kana akkamitti ilaalan?
Ø  Aktiivitoonni yookiin rogeeyyiin Oromoo biyya baqaa jiranille, daanduma dhaabbilee siyaasaa Oromoo maaliif qabatanii, maaliif walii hin galle?
Ø Diyaaspooraan qabsoo fi tokkummaa Oromootiifi riqicha moo farra? Akkamiin riqicha ta’aa,  akkamiin ammoo farra qabsoo Oromoo ta’a diyaaspooraan.
Ø Dhaabbileen siyaasa Oromootiifi aktiivistoonni Oromoo ummata garamitti oofaa jirtan? Kuun hiriira bahaa jedha, kuun keessan hiriira dhaabaa jedha, isii Oromoo kana isin garam oofaa jirtan?
Ø Ilaalchaafi filoosoofii siyaasaa irratti waldhabuun quufaafi badhaadhina. Amma quufaa badhaadhina keessa hin jirru, garbummaa irra darbamee duguuggaan sanyii Oromoo irratti raawwatamaa jira. Tan filoosoofii siyaasaa bulfannee itti deebinaa, tan bilisummaa tanarratti dhaabbileen siyaasaatiifi rogeeyyonni maaliif irratti woliif galuu dhabanii? Oromoof jecha woliigaluu dadhaban moo ofittummaa isaaniitiif jecha woliif galuu dadhabanii?
Ø  ‘Toofta, toofta’ jechuunis gaarii ta’e, garuu tooftaan kun yoom Oromoo dhaqqaba, erga Oromoon lafarraa dhumeen duubaa?
Ø “Siyaasni miiraan hin oofumuu” jettan, yoo Woyyaaneen duguuggaa sayii waqtuma waqtiidhaan Oromoo irratti raawwattu, miirri  Oromoo Oromoof hin aarre miira Oromooti.
Ø  Daamuun waan nama hin iddineef namoonni guyyaa waareetiitin ibiddaafi aara malee dhaqanii damma isii jalaa qotatan. Kinniisni waan nama idduuf ammoo, ibiddaafi aara qabatanii lafa qabbaneeffatanii dhaqanii damma kanniisaa baafatan. Oromoo kanaan hanga yomii kanniisa hin ta’inaa, daamuu ta’aa jettaniin?
Ø Kan qawwee jedhuufi kan karaa nagaa jedhu, namuu waan itti fakkaateen Woyyaanee irratti dhagaa darbuu malee, maaliif dhagaa walitti darbanii?
Ø Ergamoota Woyyaaneetiifi ergamoota gareewwaan Oromoo hanga addaan baasuu wollaalanitti keessumattu biyya alaa kanatti maaliif walirratti duultanii yookiin duulchisanii?
Ø Qabsoo Oromoon gaggeessaa jiru kanarratti, daa’immaan dabalatee hirmaannaa waan qabaniif, wal-galateeffachuun garuma fuula duraatti qabsoo oofuu malee, qabsoo oofuu irratti maaliif waljibbina yookiin wolqoxxisnaa?
Ø “Karri abbaan dhibbi cufu banaa bulaa” jedha Oromoon. Qabsoo iddoo dhibbatti hiranii maaliif Oromoo humna dhoowwanii?
Ø  Waldhabiileen dhaabbilee siyaasaa jidduu jirtu kan kaayyoo Oromoo fi Oromiyaati caala moo kan gareefi fedhii aangootti caalaa?
Ø  Faranjiin, “dhaabbileen siyaasaa Oromoo ofiifuu waliigalanii ummata isaanii qabachuu hin dandeenne, biyya akkamiin bulchuu danda’anii?” gaaffi jettu kan isin irratti kaasanu akkamiin jalaa bilisa of baastu mee?
Ø  Oromoon diyaaspooraa gaafa gosaa fi amantaan woldorgommii keessa seene, Somaalee gosaan wal-loluun biyya diigde akkamitti ilaaltan.....?

Daniel Bariisoo Areeriitiin, Muddee 12, 12, 2017.