Tuesday, November 10, 2015

Woyyaanneen qorsa woggaa isii dheereffattu dabaan qotataa jiraatti malee silaa amma hin geettu. Cidhuu qorsa woyyaanee keessa faranjoonnille hin dhabamanu! ወያኔ እድሜ ማራዘሚያዉ የተንኮል ክኒን እየቀመሜ ነዉ እንጂ እዚህ አትደርስም ነበረ! ከቅመማዉ በስተጀርባ ፈረንጆቹም አይጠፉም!


Woyyaanneen qorsa  woggaa isii dheereffattu dabaan qotataa jiraatti malee silaa amma hin geettu. Cidhuu qorsa woyyaanee keessa faranjoonnille hin dhabamanu! Woyyaaneen muddama keessa yoo seentu ajandaa dabaa giduu keennatti uumti. Yeroo nuuti wocnu, isiin goomittaafi bayyanata argattee, dandamattee ka’uun mala biraa ittiin nu dhabamsiitu malattee as baati. Hedduun keenna garuu shira Woyyaane’ee kana bareechinee hin beeknu. Dhiheenna kana raadiyoon BBN jedhamu odeeffannoo tamsaaseen akka jedhetti, “viidiyoon pirootestaantonni of ijaaruun magiida keessa seenanii dhoksaadhaan hojii hojjata jiran harkaa saaxilameera” jechuun gabaaseera. Ani Viidiyoo sanille ilaalee gaaffiifi yaada natti dhaga’ame barreeffama gabaabaa armaan gadiitiin ibsuuf yaaleera:
  1. Namichi ‘paasterii’ jedhamu kan viidiyoo warabuu sun, tajaajilaa waldaa kiristaana kamiiti? Namni maqaa isaa beeku  jiraa?
  2. Namichi ‘paasterii’ jedhame kun, afaan Amaaraa inni haasawu, Amaariffa Tigiroonni haasa’an fakkaata.
  3. Namichi ‘paasterii’ jedhamu sun nama fakkeessu yookiin haasawa kaabinee fakkaata malee, paasterii natti hin fakkaanne.
  4. Viidiyoo san yoo ilaaltane baay’ee kukkutameera; yeroo hedduullee  idiitii ta’eera, yookiin gulaalameera.
  5. Vidiyoon sun hujii forfoqaandaa ykn  propogaandaa siyaasaatiif waan hojjatame malee, waan ragaa amantaa bahuuf waraabame hin fakkaatu.
  6. Jecha namchi uffata Musiliimaa uffatee jedhe, “Masgiida hundeessaan dhaaba Adda Bilisa Baasaa Islaama Oromiyaa, Jaarraa Abbaa Gadaa maatii isaatiif ijaare keessalle seenneerra…” jechuun haasawe kun, ergaa siyaasaa oofate moo, erga amantaattu caalaa dubbatamee…?
Gabaabumatti ani akka nama tokkootti wonni jedhu, Woyyaaneen aangoo isiirraa turuuf cubbuu isiin hin hojjanneefi qorsi isiin hin qonne hin jiru. Seena’anille ta’ee qabatamaan, biyya impaayeera Itoophiyaa jedhamtu san keessatti, saboonni adda addaatiifi uummanni amantaalee garaa garaa qaban wal-kabajuun jiraataa, addunyaafille fakkeenna guddaa ta’aneeran jedhama. Woyyaaneen hardha kufuuf yoo tittimtu yookiin gitintirtuufi, akkasuma du’uuf yoo dhidhiitattu, amantaafi saboonni isiin itti hin buuneefi hin dhiitiin hin jiru. Amantaa Ortodoksii naannoo Tigiraayii irraa kan hafe malee, kan naannoo Amaaraatiin wal-dhabdeerti Woyyaaneen. Impaayeera Itoophiyaa san keessatti, akkuma baay’ina uummataan dursa qabatee jiru, hordoftoonni amantaa Islaamaatiifi Pirostestaantiille Oromoo akka ta’an wal-nama hin gaafachiisu.
Diddaafi qabsoo mootummaa Woyyaanee kanarratti finiintee jirtu kallattii jijjiiree qumaarii umurii isii dheereessu taphachuuf,  Musiliimotaafi hodorftoota amantaa Pirootestaantii wolitti buusuuf fiishikaan waan afuufame fakkaata. Woyyaaneen woggaa bitiinsa gita bittaa isii dheerefachuuf yeroo waamicha walitti bu’iinsaa nuuf dhiheessitu, dabaafi cubbuu isii kanatti dammaqnee, amantaaleefi yaadawwaan garaa garummaa jidduu keennaa qabnu waliif kabajnee, tokkummaan kaanee shororkeessaa mootummaa Woyyaaneetiifi ‘qanbara’ (wanjoo) Woyyaane’ee ofirraa darbachuu qabna. Shororkeessaa kan ta’e mootummaan Woyyaanee hanga hin dhabamsiifaminitti, nuutille taane moo, amantaan keennalle nageya hin argatu!   



ወያኔ ትንቅንቅ ዉስጥ ሲገባ ለእኛ አጀንዳ ይፈትራል፡፡ እኛ ሲንጫንጫ እርሱ እፎይታን ያገኝና አገግመዉ አኛን ለማጥፋት በሌላ ዘዴ ብቅ ይላል፡፡ ብዙዎቻችን ግን  የወያኔን ተንኮል በደንብ አናዉቅም! በቅርቡ BBN ሬድዮ ባስተላለፈዉ መረጃ መሰረት “በመስግድ ወስጥ የተደራጁ ፕሮስታንቶችን የሚያጋልጥ በምስጥር የተቀዱ ቪድዮ ተጋልጠዋል…”፡፡ ቪድዮዉንም ተመልክቸ የተሰማኝ ጥያቄና ሃሳብ እንድሚከተለዉ በአጭር ፅሑፍ ምልክ አንስቻለሁኝ፡                       


  1. ቪድዮ ቀጂ ፓስተሩ የዬት ቤተክርስቲያ አገልጋይ ነዉ? ስሙን የሚያቅ ሰዉ አለ? ከዚህ በፊት በፓስተርነት የሚያዉቀዉ ሰዉ አለ?
  2. ፓስተሩ ነዉ የተባለ ሰዉየዉ የሚያወራ አማሪኛ ትግሬዎቹ የሚያወሩ አማርኛ ነዉ የሚመስለዉ::
  3. ቪድዮ ለምን መቅዳት አስፈለጌ? ከስፈለጌ እንደዛ አይነት አደራሽ ለምን አስፈለገ? አደራሹ የሰኩሪቶች ቦታ ነዉ የሚመስለዉ::   
  4. ፓስተር የተባለ ራሱ የሚያስመስል ሰዉ ወይም ካቢኔ ይመስላል እንጂ እርሱ የሚለዉ የፓስተር ቃል አይመስልም፡፡  
  5. ቪድዮ በጣም ተቆራርጠዋል፣ ብዙ ጊዜ ኤድት ተደረገዋል፤ ለምስክርነት የተቀዳ አይመስልም፡፡
  6. ቪድዮ ለወንጌል ስብከት ሳይሆን ለፓለትካ ስራ የተሰራ ይመስላል፡፡
  7. “የኦሮሚያ እላምክ ፍሮንት መስራች ጃራ አባ ገዳ ለቤተሰባቸዉ የሰራ መስግድ ዉስጥም ብተናል…” ብሏል ሪፖርት አቅራብዉ፤ ይህ አሁን ሃይማኖታዊ መልክቱ ነዉ ወይስ የፖለቲካ መልእክቱ ይበልጣል…?


ባጭሩ እንደ አንድ ዜጋ እኔ የሚለዉ፣ ወያኔ ስልጣንን ለማራዘም የማይቀምም መድኃንት፣ የማይቆፍር ጉድጓድና የማይነቅል ድንጋይ የለም፡፡ በታሪክም ሆነ በተግባር፣ ኢትዮጵያ ተብላ በሚትጠራ ሀገር ዉስጥ በዙ ብሄሮችና የተለያዩ ሃይማኖቶች በሰላም ተቻችሎ በመኖር ለዓለም ምሳሌ ሆነዋል፡፡ወያኔ ለመውደቅ ሲንገደገድ ያልተላተመበትና ያልረገጠ ብሄሮችና ሃይማኖቶች የሉም፡፡ ከትግራይ አከባቢ ኦርቶዶክስ በስተቀር ወያኔ ከአማራ አከባቢ ኦርቶዶክስ ጋራ ተጣልተዋል፡፡ከዋቄፋታና ከሙስሊሙ ህብረተሰባችን ጋር ተጋጭቷል፡፡ በኢትዮጵያ እምፓዬር ውስጥ ልክ እንደ ብሔሩ ብዛት የሙሲልምም ሆነ የፕሮተስታንት ተከታዮች በብዛት ኦሮሞ መሆናቸዉ ይታወቃል፡፡ አሁን በከፍተኛ ደረጃ ጎልተዉ እየታየ ያለ የህዝብ ተቀዉሞና ትግል ለመቀልበስ ሙስሊሞችንንና ፕሮስታቶችን አጋጭተዉ የፖለቲካ ቁማር ለመቆመር ፊሽካዉ የተነፋ ይመስላል፡፡ ወያኔ የራሱን እድሜ ለማራዘም እኛን የሚያጋጭ ጥር ሲያቀርብልን፣ በወያኔ ተንኮል ነቄ ብለን የእርበርሳችን ሃይማኖቶችን በማክበር፣ በአንድነት ተነስተን በጥባጭ የወያኔን ሥርዓት ማስወገድ አለብን፡፡ በጥባጭ የወያኔ መንግስት ካልተወገደ አኛም ሆኔ ሃይኖታችን ሰላም አናገኝም!        



No comments:

Post a Comment