Wednesday, June 13, 2018

Xalayaa Banaa Uummata Oromootiif: Daniel Bariisoo Areeriitiin


Guyyaa: Waxabajjii 14, 2018.

Xalayaa Banaa Uummata Oromootiif.

Dhimmi: haala yeroo kan shira Woyyaanee saaxiluufi  gorsa of eeggannoo taasifamuu qabu.

Nageenni badhaadhaa, yaa uummata Oromoo biyya keessaafi biyya alaa jirtanu? Aadumaafi jedhe malee, hanga Woyyaaneen jirtu nageenni itti fufiinsa qabu hin jiru. Jijjiirama amma guutuu biyyaattii fi Oromiyaa keessatti dhufaa jirutti hinaaftee, haalli Woyyaaneen amma itti jirtuufi karoorri isii nama rifachiisa. Amma yeroo xalayaa kana barreessaa jiru, halkan keessa saatii sagal. Manni bareedaan faranjiitiifi bullukkoon ho’aan faranjii hirriiba dansaa naaf fiduu hin dandeenne.   

Shirri Woyyaaneen xaxaa jirtu hedduu namatti dhaga’ama. Yeroo ammaa kana guutuu biyyaa keessatti waan ibiddi qabateefi jeequmsi bu’e fakkaata. Kana kan godhaa jiru, Woyyaaneefi ergamtoota Woyyaaneeti.   Woyyaaneen sababni isiin biyya ibidda itti qabsiiftee jeeqaa jirtuuf, Labsii Yeroo Muddamaa deebistee labsachuuf.  Sababni isaalle, wanti isaan amma harkaa qabanuu waraanaafi damee tikaa waan ta’eef, karaa isaan ittiin biyya saamuu danda’anuun keessaa inni guddaan, karaa Labsii Yeroo Hataattamaa/Muddamaati.  Ergamtoota Woyyaaneetiifi Woyyaanee magaalotaafi gandoota hunda keessa jiranu sirritti hordofuun to’achuun dirqama ta’a.  Jarri kun biyya isaanii Tigraay akka biyya biraatti ijaaruufi tasgabbeessuun biyya teenna ammoo barbadeessitee saamtee onsuu barbaaddi.

#TeamLammaa fi bulchiinsa Dr. Abiyyi Amhad kanalletti hinaaftee waan of gootu wallaaltee jirti Woyyaaneen. Dubbii himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leenchoo ille, balaa amma daangaa Oromiyaa irraa bifa walitti bu’iinsaatiin dhaqqabaa jiru kanaan, “dubbiin dubbii addaati malee, dhimmaa daangaati miti; uummanni keenyas akkasitti hubachuu qaba” jedhaaneeran.
Akka ilaachaafi hubannoo kiyyatti, gabaabumatti Woyyaaneen waan gurgurdaa saddeet hojjataa jirti:
1)    Woyyaaneen olaantummaa isii jalaa tuqame deebifachuuf shiraan wixxifataa jirti. Olaantummaa duraanii san yoo qabaatane malee, biyya saamuu hin dandeettu. Isaan yoo biyya saamuun akka silmitti xuuxan malee jiraachuu hin danda’anu. Akkasuma, waan waggaa 27f saamaniin dinaagdee Itoophiyaa guutumaa guututti harkatti galfatanii Itoophiyaa hiyyoomsanii jiran.  Bara dheeraa dura,  bittaan lafaa fi liiziille hin eeyyamu ture tarsiimoon ‘Ihaadegii’. Akka isaan jedhaa turanitti, “yoo amma lafti haa bitamuu yookiin gurguramuu jedhaamee, kan maallaqa qabu Nafxanyoota waan ta’eef isaanittuu waan hunda qabata…”  jedhaan turan. Amma kunoo erga diinaagdee duraan harka ormaatti sodaataa turan san caccabsanii harkaa guuratanii guutumaa guututti harka Hiwwaati-Woyyaanee galchuun Itoophiyaa keessatti Impaayeera diinaagdee ijaarrataniin duuba, tarsiimoo sanille jijjiirane.  Amma kunoo as guloo tanaayyuu, qabeenna Itoophiyaa kampaanii dhuunfaatiif gurgurraa jedhaa jiran. Kampaaniileen dhunfaa kunneen irra jireessi Woyyaanuma akka ta’an dagachuu hin qabnu.
2)    Yeroo Dr. Abiyyiifi gareen isaanii hidhamtootaa Woyyaaneen hiite biyya keessaa hanga tokkos ta’e gadi dhiisisaniifi,  yeroo sabboontoota Woyyaaneen biyyaa baaste biyya ollaa keessatti hidhamaniifi baqaan jiraatan  Dr. Abiyyi biyya ollaa /alaa dhaqanii hiiksisanii gara biyyaatti galanuun, Woyyaaneen mana keessa jeeqxee ibidda Itoophiyaatti keessattuu Oromiyatti qabsiisa jirti. Woyyaaneen saboota ollaa Oromoo hundumaa Oromoo irratti kaasaa jirti. Woyyaaneen keessumattuu, maqaa Oromootiin ummata Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiranirraan miidhaa geessisuun, tokkummaa fi walhubantii Oromoofi Amaara jiddutti uumamtee Woyyaanee sodaan fincaan keessaa yaaste kana deebisanii dukkaneessuu barbaadan. Kanaan duralle,  Woyyaaneen maqaa  Oromootiin  uummata Amaaraa Oromiyaa keessatti duuchaan ijjeestee  filmii dokumantariille irratti hojjattee higa tokko ittiin daldalataa baate.   Akkasuma maallaqani cubbuu guddaa hojjachuuf humna qaba. Ammatti kan maallaqa saamee tuulatee jiru Woyyaaneedha. Kanaafuu ergamtoota badii Woyyaaneen maallaqaan Oromiyaa keessatti bobbaastu dammaqnee eeguun ofiifi biyya keennalle baraaruu qabna. 
3)    Woyyaaneen bulchiinsa qawwee qofa waan beektuuf, kan amma harkaa qabanis qawwee waan ta’eef, labsii yeroo muddama deebisanii labsachuuf abdidda guutuu biyyaatti qabsiisaa jiran. Woyyaaneen karaa qawwee malee bulchiinsa waan hin beekneef, amma bulchiinsa haaraa daandii haareya saaquuf tattaafatu kana falleessuuf biyya jeeqxee, labsii yeroo muddaamaa isaanii deebisanii labsachuu barbaaddi. Labsiin Yeroo Muddamaa uummata keennaaf saamamuu, du’a, ukkaamsaa, hidhaafi kkf.  Labsiin Yeroo Muddamaa  Woyyaaneef ammoo, sa’a dhaltiiti.
4)    Fudhatama Dr. Abiyyi Ahmad maqaa Oromootiin argachaa dhufetti  hinaafanii if ajjeesuu waan gahaniif, Woyyaanonni maqaa Dr. Abiyyiifi Oromoo balleessuuf qabsoo cubbuu ijibbaataa taasisaa jiran.
5)    Hidhamtoota siyaasaa Oromoo akka gadi dhiifamaniifi, kan biyyaa bahelle akka biyyatti galanu waamichi taasifamaa jiru kun  Woyyaanee fi leellistoota Woyyaaneetti sodaa guddaa uumeera.
6)    Qeerroo fi tokkummaan Oromoo, akkasuma walhubannaa fi waltumsi dhaabolee Siyaasaa keessumattuu OPDO  fi BADEN jidduutti uumametti  sodaan guddaan waan itti dhaga’amee jiruuf,  Erteraa waliin araara fedhan; garuu uummanni Tigiraayii irra jireessi shira dulloonni Woyyaanee xaxxe kana  hin hubanneef.
7)    Woraanni Woyyaanee, “ABO fidaa” jechuun ummata nagaa ijjeessuun #teamLammaa yookiin OPDO haarayaa, poolisii Oromiyaatii fi ummata Oromoo waldhabsiisuuf halkaniifi guyyaan karaa waraanaatiin hojjataa jiran.  ABO jechuun adda bilisummaa Oromooti malee hiika biraa hin qabu. Yoo Oromoon bilisoomeefi yoo mirgi Oromoo guutumaa guututti kan kabajamu ta’e, ABO waan bosonaafi biyya ollaatti rakkatuuf hin qabu. ABO’n mirga uummata Oromoo sarbameef bosona seenee malee, nagaya booressuuf yookiin dhiiga namaa dheebotee yookiin  lubbuufi jireenna badduu isaas jiraachuu  jibbee miti. Garbummaa fi roorroon Oromoo irra osoo jirtu jireenni qabsa’ootaafi sabboontootatti hadhaawee bosonniifi manni hidhaa jiruu sabboontoota Oromoo ta’aa dhufeera.   Maqaa qabsoo ABO’n taasisee bu’aa argameen,  namoonni hedduun abbaa itti dhama’e ABO caalaa buddeena furdaa kan ittiin nyaataa jiranille akka guutanee jiranu dagatamuu hin qabu. ABO’n kaayoodha; Abaa’ummaan sabboonummaadha. Abaa’ummaan ilaalcha; bakka mirgi Oromoo sarbamaa jirutti ABO uummata Oromoo keessaa baasna jechuun galaana sinii bunaatiin waraabanii gogsuuf yaaluudha.   Kana waan ta’eef, eeyyama mootummaa Naannoo Oromiyaa malee waraanni Woyyaanee Oromiyaa keessa qubatee “ABO fidaa” jechuun  ummata ijjeesaa  jiru, Oromiyaa gadi dhiisee bahuu qaba. Woraana amma Oromiyaa keessatti keessumattuu, Wallaga, Gujii, Booraana faa keessatti ummata keenna ijjeessaa jiru, OPDO’n baasuu qabdi. Yoo waamichaafi afeerraa OPDOtiin ta’e, OPDO’n asirratti ijjannoo isii ifa godhuu qabdi.

Injifannoofi bu’aan amma argamaa dhufe kun kan dhaabbilee siyaasaa Oromoo  gara garaatiifi kan qaamota Oromoo hedduuti malee,  kan OPDO yookiin kan ABO, yookiin kan Jawar Mohammad qofaa miti. Hundi keenyaa qooda keessaa qabna.  Garuu “hodheen namaa kan goode; hidheen namaa kaan gudunfe” akkuma mammaaksi jedhu, kan kuun hodhu kuun diiguun, kan kuun gudunfu kuun hiikuun diina/Woyyaanee Oromoo irratti goobsuu waan ta’eef, dhaabbileen siyaasaa Oromoo gara garaatiifi  qaamoti qabsoo Oromoo adda addaa walhubachuu, walkabajuufi waldanda’uun yeroo ammaa keessatti murteessaadha. Ilaalchi siyaasaa nuun waldhabsiisuu hin qabu. Ilaalcha siyaasaa keenyatti adda adda male, biyyi keenya, afaan keenya , aadaan keenyaa fi wantoonni keenna hedduun tokko.  Garuu Woyyaaneen Oromoofi Oromiyaa balleessaa jirti waa ta’eef, nuttuu hin beekkanne malee hunduma keenyaa walitti  balleessaa jirti.  Keessaattuu irra jireessaan yeroo kana keessa kan walhubachuun qabanu, OPDO fi ABO dha. Duraanuu OPDO fi ABO, akkasuma Oromoo fi Amaara jidduu dhagaa cubbuu kan kaa’ee jara addaan fageessee kan  ittiin daldalaa turte Woyyaaneedha. Amma olaantumman Woyyaanee sun waan jidduu Oromootii ka’uuf reeqqiseef, Oromoo olaantummaa Woyyaanee daraanuu dhabmsiise walitti dhufee rakkoo jidduu isaanii jirtulle ofumaaf furachuu qaba.  

 ABO fi OPDO ille ilmaanuma Oromooti. Oromoo, Oromoo irraa kan ittisuufi Oromoo kan Oromootti araarsulle Woyyaanee moti. Yoo araaramane, ABO fi OPDO ille, afaan Oromootiin araaraman malee,  afaan Woyyaaneetiinii miti. Obboleessi OPDO Woyyaanee caalaa ABO akka ta’e, OPDO hubachuu qaba.  ABO’nille obboleessi ABO, Shaabiyaa caalaa OPDO akka ta’e, ABO’n hubachuu qaba.  Kun waan hin oolle: “Waraabessa harree irraa ittisan, galgalli harree kan waraabessaati. Durba qeerroo irraa ittisani galgalli durbaa kan qeerrooti” jedha mammaaksi. Akkuma mammaaksi kun jedhu, yeroon waa dhoksitii; yeroon dirqama waa walitti fiddi. Qeerroo fi durba walirraa ittisanulle gaafa guyyaan gahe yeroon walitti fiddi. Kan OPDO fi ABO ille kanuma; yeroon isaa amma ta’uun gaarummaa qaba.  
8)    Woyyaaneen harka Abdii Iilleetiin Oromiyaa bahaa fi Kibba Bahaatiin Oromoo ajjeesuun lafa Oromoolle saamaa jirti. Haleellaan maqaa poolisii liyyuu haayilii  naannoo Somaaleetiin uummata keenna daangaa irra jiranurra gahaa jiru hanka pireezidaantiin naannoo Somaalee Abdii Iileefi jeneraalonni Woyyaanee  gara Baha irra jiran irratti  tarkaanfii fudhatamuun,  yoo xiqqaate angoorraa hanga hin kaanetti nageenyi hin argamu. Maqaa Alshabaab Itoophiyaa irraa eegna jedhamuun Poolisii  Liyyuu Hayilii  jettee Woyyaaneen Agaazii afaan Somaalee dubbattu Baha biyyattii keessatti ijaarratte. Harka lafa jalaatiin garuu, woraana Oromoo akka  loluuf  Woyyaaneen ijaarratteedha. Poolisiin Liyyuu Haayilii  Alshabaab gara Bahaatiin Itoophiyaa irraa eegdi jedhame, poolisii Liyyuu hayilii Somaalee  maataan isiituu   Oromotti Alshabaab taatee jirti.  Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr. Abiyyi Ahmad yeroo hedduu nagaa buusuuf jecha yaalii isaan taasisan kan dagatamuu miti. Kanaan duuba garuu, Abdi Iillee woliin haasawuun mana ijoolleen ganama ijaartee galgala diigdu fakkaata.  

Galaa  yaadaa kiyya har’aaf  isiniif qopheesse kanuumaan raawwadheera. Dhugaa qabanaa, ni injifanna!

Daniel Bariisoo Areerii irra.