Wednesday, August 16, 2017

Haasofni Obbo Lammaa Magarsaa 'April the fool' ta'innaa?

Haasofni Obbo Lammaa Magarsaa 'April the fool' ta'innaa? Obbo Lammaan eennu abdate akkasitti haasawa, warra isa muudatee ergate moo, uummata Oromooti?

Ana duruu wanti naaf hin galin, haasawa Obbo Lammaa Magarsaati. Haasofni Obbo Lammaa Magarsaa diyaaspooraa hedduu hunda akka booji'e quba qaba...Garuu Sobni nama oolcha malee nama hin bulchu...Dubbiin Obbo Lammaa akka jajamteen osoo lafarratti gadi hin bu'in bubbulte.Sobni bule hollaa (kijiba) ta'a jedha Oromoon. Obbo Lammaan akkaataa nama itti soban yeroo basaasummaa biyya Israa'eeliitti barate, baratuu mala. Goommaa 'Worraaqsa diinaagdee' isaallee Abbay Xahaayyeen faa misimaaruma gibiraa tokkoon jalaa dhoosane; silaa dubbiin warraaqsaa sun dansa'a, yoo kan arrabaa qofaafi soba 'April the fool'  jedhan san hin ta'in taate.

Obbo Lammaan eennuun abdate akkasitti haasawa, warra isa muudatee ergate moo uummata Oromooti? Deebii gaaffii kanaa obbo Lammaadhumaaf dhiisa. Garuu wanti ani Obbo Lammaa gorsu, yoo uummata Oromoo Abdattee akkasitti haasofta ta'e, kana caalaa yeroo hin qabdu bunni si jalaa qabba'e waan ta'eef seenaa hojjadhu...yoo ammoo ergama Woyyaanee warra dantaa isaaniitiif OPDO Adeetitti (Tigiraayitti) hundeessanee san bahaa jiraatte, afaan Keeti sabboonaafi daammii sun keemistirii Qeerroo Oromootiin callabba'ee asiiditti jijjiiramee afaan kee si gubuuf qophaa'eera.

Akka baay'ina barcumaa paarlamaa keessaa qabdutti, silaa biyya bulchuun olaantummaa Tigiroota (Woyyaanee) dhabasiisuun dantaa Oromoo eeksisuun kan male, silaa OPDO (miseensota OPDOti) akka hin jenneefille, haqni yoom paarlaamaa Itoophiyaa keessa teettee (teessee) beekti, afaan qawweerra male.


Woyyaneen gaafa OPDO dantaa isaaniitiif hundeessiteeyyuu shakkitu, loltoota isii bobbaastee Oromiyaafi OPDO iyyuu boojiti. OPDO keessa sabboontonni akka jiran shakkii hin qabu. Garuu, kana booda OPDO'n, Oromo People Democratic Revolution (OPDR)  tti of jijjiiruun dantaa Oromootiif dhaabatuu qabdi. Nuuti Oromoon (sabboontonni dhugaa) kan qabsoofnuuf, Oromoo qofa bilisa baasuuf osoo hin taane, OPDO ille bilisa baasuuf. 

Sunday, August 6, 2017

Governmental Checks and Balances in Ethiopia


Qaamolee mootummaa sadiin-Seera baastuu, reesa raawwachiistuufi seera hiiktuu.
Legislative, Executive and Judiciary:Check and balance