Saturday, September 16, 2017

Lola Woyyaaneen Gujii Lixaatti bante, waan amma (update):


                                              Guyyaa, Sanbata diqqaa (Saturday 16/09/2017)
Lolli Woyyaaneen maqaa ummata Kibbaa Burjiitiifi Amaarootiin kibba Oromiyaa Lixa Gujiitti bante ammaayyuu itti fufee guyyaa 4ffaaf deemamaa jira.  Lolli kun lola uummanni Gujii, Burjiifi Amaaroon wal-lolaa jiranuu miti; lola Woyyaaneen maqaa uummattoota kanaatiin bante male. Haa ta’uu malee, namootaafi qaamolee ergama Woyyaanee fudhatanii daangaa Oromiyaa cabsanii seenan dhahuun ifirraa deebisuun dirqama. Akka odeeffannoo madda amanamaa irraa argadhetti, Poolisoonniifi milishoonni naannoo Kibbaa gama Burjii goranii Burjii gargaaruun Gujii lolaa jiran. Gama Oromiyaatiin ammoo, gargaarsi ummanni Gujii argate hin jiru. 


Gujiin, akka Burjiin poolisootaafi hidhattootaa mootummaa Kibbaarraa gargaarsa argataa jiranu  gargaarsa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa argachuu dhabulle,  Burjii loleetuma lolee gara magaalaa Burjii Goochee, Biilaa fi Sooyyamatti  galcheera. Magaalonni  Burjii kunneen  “humna raayyaa ittis biyyaa kan Itoophiyaa” tiin (‘makkalaakkayaan’)  eegama jira. 

‘Makkalaakkayaa’ lle waan nageya buusu fakkaatee Burjii irra goree Gujii rukutaa jira. Lola higa ammaatti lolamaa jiruun, Gujii irraa namoonni 4 yoo woreegamanu, gama  Burjiitiin ammoo namoonni 30 olii ijjeefamaneeran. Miidhaan gama qabeennaatiin gahe ammoo,  Gujii irraa manni buuyyoo (citaa) 3 gubateera. Burjii irraa ammoo, manni buuyyoo (citaa) gara 10 gandoota mandara didiqqaa isaanii keessaa  gubateera. Kan Burjii Fichaan (maasiin) midhaanii kan akka garbuu, Xaafii, boqqolloo hektaarri 500 olii gubateera.

Akka maddi odeeffannoo kiyyaa jedhetti, magaalaa Bulee Horaa keessa Ganda Burjiin qofti jiraattu, kan manni saba biraa tokkolle jidduu hin jirre gara mana 500tti jira. Magaalaa Bulee Horaa kana keessatti Burjiin tun meeshaa woraanaa iddoo isiin fiddee kan hin beekkamne hidhatte, fooddaa (maskootii) manaatiin loluudhaan nama nageyaa harka duwwaa jiruufi makiinaa sochii dhoowwitee jirti. Agaaziifi Poolisoonni mootummaa kan Bulee Horaa jiranille caldhisaneetumaa ilaalaa jiran. Haa ta’uu malee, Gujiin xiyyeeffannaa guddaa gara daangaa Oromiyaatti kennee gara daangaa duuleeraa, akkasuma duulaa jira. Burjiin Bulee Horaa ganda Burjiirraa garuu, uummatuma magaalaa keessa  harka duwwaa deemuu, mana keessa teettee qaawaa manaatiifi fooddaadhaan dhukaasaa bulte eda.

Gama Aanaa Galaanaatiinille, lolli Gujiifi uummata Kibbaa kan  Amaaroo jedhamu jiddu erga jalqabamee guyyaa 4ssoo qabateera. Mootummaan Woyyaanee, ta’e jedhee itti yaadee kallatti adda addaatiin lola labsee Oromoo waraanaa jira jedhan. “Qaruuxeen haadha daa’imaa ifii dhuuftee funnaa  (funyaan) qabatti akkuma jedhamu, kan harka uummata biraatiin nu lolaa jiru mootummaa Woyyaaneeti malee, uummata kanneenii moti” jechuun dubbatan uummanni Gujii.

Maddi odeeffannoo kiyyaa kun akka jedhetti, “Oromoon gara biraa jirtan, lola nurratti baname kana deegarsa hamileelle taatu isinirraa dhabneerra jedhan. Lola nuuti guyyaa 4ffaaf itti jiruu kana, namni waa’ee isaa dubbatuufi sagalee keenna dhageessisu akka malee diqqaadha” jechuun komii isaanille asumaan dhaammatane.