Wednesday, March 16, 2016

Gaaffii qaba!

OPDOn gocha raawwataa jirturraa salphatti barataa hin jirtu, Oromoon maal godhee barsiisuu qabaa?
Loltoonni Agaazii ammalle goloota Oromiyaa gara garaa keessa socho’uun Oromoo ajjeesaa, dubartii gudeedaa, qabeenna saamuufi uummata mana hidhaatti gursisaa jiran. Namni karaa Agaaziitti argasiisaa jiru OPDO-Oromoo Goobane. Agaaziin boru Oromiyaa keessaa ni baati. Oromoon nama isa ajjeesiseefi saamsise tolchee beeka waan ta’eef, hardhaafi borulle maal gochuu irra jiraata?
Gubbaarraa mootummaan Woyyaanee miidiyaa sobaa isaatiifi paarlamaa fakkeessi keessa taa’ee, yeroo tokko “namoota muraasatti jeeqaa jira, gaaffiin kun gaaffii namoota hedduu miti..” jedha. Yeroo biraa ammoo, humnoota badiitiifi farreen nageenyatti uummata kaasee…” jedha. Yeroo muddame ammoo, “uummata kana uummata seexanatti nutti banee, xonqaawoota Oromoottu gadi nutti bane…” jedha. Amma ammoo afaan damma dibatanee “rakkina nutti qaba, dongorree jirra, uummanni sirriidha…” jedhee dubbii woliin dhaha.  Akkuma lukkuun, “yoo nyaadhee fixuu dadhabee, fixee firfirsuu hin dadhabuu” jette jedhanitti, Woyyaaneen kufuu isii bartee biyya balleessaa, uummata fixaafi hidhaa akkasuma qabeenna saamaa jirti. Uummatalle dhiifama gaafachaa ajjeechaa, hidhaafi saamichi qabeennaa guutuu Oromiyaa keessatti itti fufee jira waan taa’eef,  Uummanni  Oromoo taa’ee dhumuurra maal gochuu irra jiraata?  
 Woyyaaneen yoo lakkosfa Uummata Itoophiyaa gabaastu, uummata Oromoo wal’akkaan gadi buustee himti. Baay’inni uummata Oromoo kun kaleessaafi hardhalle diinotaaf sodaa guddaadha. Gochi woyyaaneen uummata Oromoo irratti amma raawwachaa jirtu, gocha laakkofsa Oromoo gadi buusuu yookiin duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwataa jirti. Ani garuu kan gaaffii natti ta’e, lubbuu Oromoo kan horii taasisee, kan isaanii maaltuu kana namaa taasisee?   
“Lola worraa Mooyyeen lonkolaattee” jedha mammaaksi Oromoo. Mee dhugumatti, yeroo Oromoon amma guutuu biyyaa keessaa kutatee ka’e kanatti, qabeenniifi karri Oromoo kanneen akka dhagaa, ibiddi, eeboon, shimalli, looyyaan, xiyyi, gobaan, dullaan, qawwee fi kkf  yeroo tokkotti, guyyaa tokkotti, saatii tokkotti guutuu Oromiyaa keessaa lafaa ka’anii Oromoo woliin osoo akka mooyyeen lola worraatiif konkolaattee jedhan sanitti konkolaatanee, Oromoon amma diinni itti roorrisu kun hin kabajamuu laati?
“Qamisiin masqalaaf hin kaa’atamne haa ciccittu” akkuma mammaaksi jedhutti, qabeenni bilisummaa Oromootiif hin oolle kan ormaa akka ta’efi firri qabsoo bilisummaa oromootiif hin birmanne ormuu isaa meeqa keennatti hubateera?
“Qeeramsa eegee hin qabanu, qaban gadi hin dhiisanu” akkuma mammaaksi jedhu, qabsoo bilisummaa Oromoo amma finiinaa jirtu kana yoo laaffisane, dhumaatii Miniliki Oromoo fixe caalaa Woyyaaneen Oromoo fixuuf akka jirtu, beekaa Oromoo keessaa guuranii ija jaamsanii Oromoo daarsuuf, akkasuma laaqii yookiin dhoqqee garbummaa keessaa hin bahamne Woyyaaneen Oromoof bukeessaa akka jirtu meeqa keenyatti hubateera…?