|
Walnyaataa dinaa nyaachuun walnyaachisuudha! |
Wanti
biyya Egypt magaalaa Kaayirotti ta’aa tureefi jiru, akkasumalle wanti miidiyaa
hawaasaa irraan Oromoonni diyaaspooraa oofaa jiran kun waan hedduu nama
gaddisiisaati. Yoo akkanaan itti fufne, dogongora seenaa guddaa waraanni
Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Addi Bilisummaa Oromoo wal-lolaa, dargiifi Somaaleenis
lolaa, Woyyaaneenis lolaa saffisuu dadhabanii dhiibbaa qabsoo bilisummaa Oromoo
rincicciisetti deebi’uuf deemna.
Dogongora
seeneerraa maaliif hin barannee? Safuu Oromoo maaliif dagannaa? Xiqqaan maaliif
guddaa hin kabajne? Guddaan maaliif xiqqaa hin kabajnee? Jaarsi maaliif
jaarsummaan irraa godaanee? Daa’imni barcumaa jaarsaarra taa’ee maaliif jaarsa jalaa
ka’uu dide? Oromoon jaarsa maaliif dhabee? Maaliif beekaafi wallaalaan walmakee,
hayyuufi gowwaa adda baafachuu wallaallee? Maaliif kabajjaan angafaafi
quxusummaa/maandhummaa Oromoo jidduu bade? Woyyaaneen qawween lolti nuuti
qawwee dhiisnee maaliif interneetiifi face book lollaa? Hoggansi dhaaba
siyaasaa biyya faranjii taa’ee riimootiidhaan qabsoo gaggeessuu waan hin
dandeenneef maaliif biyya farajjii taa’ee qabsoo gaggeessa jedhaa…?
Yaadaa
falaa:
1. Rakkoo
dhaabilee Oromoofi hawaasa Oromoo jiduuti muldhatu qaamni walabaa-jaarsoliin
Oromoo, abbootiin gadaatiifi abbootiin amantaa furuu qaban. Rakkoon dhaabbilee
siyaasaa Oromoo jiddutti dhalatte hawaasaalee Oromoo biyyoota alaa jiran keessa
seentee jirti. Rakkoo kana kan furuu danda’u maangudoota Oromooti yoo ani yeroo
hedduu jedhu, namoonni tokkoofi tokko, “Oromoon maanguddoo hin qabu,
maanguddoon Oromoo maangudummaa qaban hedduun hin jirtu…” yoo jedhan dhaga’a.
Yoo dhugumaan maanguddoo yookiin jaarsaa biyyaa of keessaa dhabne jiraanne
badneerra dafnee of to’achuu qabna. Maanguddoon Oromoolle badii seenaa kana
jalaa of baasa. Oromoolle manguddoo keessan maanguddoomsaa, jaarsa keessan
jaarsomsa. Hayyuu keessan hayyoomsa…
2. Namoonni biyya
alaa jiran siyaasaa biyya alaatti hoogganuu dhiisuu: namoonni biyya alaa jiran
qabsoo bilisummaa Oromoo deeggarsaa maallaaqaatiifi dippoloomaasii hojjachuun
hojii siyaasaa worra biyya keessaa hojjatu ykn worra bosona Oromiyaa keessaa
lolanuuf dhiisu. Woraana biyya alaatti osoo hin taane, Oromiyaa keessatti
ijaaruu…
3. Dhaabbileen
siyaasaa Oromoo kaayyoo tokko irratti waliigaluu- yoo xiqqaate bilisummaa
uummata Oromoo irratti walii galuu, (bitaanis yaabanii mirgaanis yaabanii
walgayiin kooruma) jechuun yaadaa wolitti dhihaataa irratti wolii galuu. Yoo
danda’ame, dhaabileen siyaasa Oromoo hundi tokko ta’u, yoo ta’uu dhabaatelle
namuu karaa itti fakkaateen haa itti fufuutii, waldura dhaabachuun mogolee walbuusuun
hafuu qaba…” Garuu tooftaan qabsoo gara garaa yoo yaadamelle, dhaabbileen
warana adda addatti ijaaruu fedhan miidhaafi bu’aa isaa sirriti itti yaaduun
barbaachisaa akka ta’e hubachu. Obboleessi gowwaan loon obboleessaa silmii
(balqii) itti dhiisee yoo obboleessi du’e doomaa (sa’a muchi duude) dhaala”
dubbii maammaaksaa akka hin taane, dhaabni qabsoo Oromoo hundinuu akka qabsoo
Oromootti beekamtiifi kabajaa kennuuf. Tooftaaleefi sagantaa siyaasaa irratti
waldhabuufi waldura dhaabachuu dhiisu. Injifannoon gama hundaan argameefi
argamuuf deemu, injifannoo uummata Oromoo hundumaa gochuun ilaaluu…
4. Garaa garummaafi
waldhabbii xiqqoo Oromoo jidduu jirtu Woyyaaneen naqarsa taatee, akka madaa
naqarsaa keessaa seenuun addaan nu facaastee qabsoo Oromoon finiinsee itti jiru
kana fashalchisiisuuf halkaniifi guyyaan akka hojjachaa turteefi jirtu
dagachuun walnyaachisuudha. Badii Oromoo irra gaheef sadarkaa duraa irratti
Oromoo shakkuu osoo hin taanne, diinaa Oromoo shakkuun barbaachisaadha.
Woyyaaneen yeroo yerootti ajandaa nuuf uumtee qabsoo nu dagachisiisuuf yaalii
akka gootuufi hedduun namaa ajandaa diinonni Oromoo jiddutti uuman hafarsaa
qabsoo Oromoo awwaaressuu dhaabu. Tooftaalee qabsoon taasiseefi taasisaa jiru,
akkasuma taasisuuf jiru karaa miidiyaalee gara garaatiin himuu dhiisuu…
5. Siyaasa amantaa
irraa fageessuu, akkasuma amantaalle siyaasa biraa fageessuu…
6. Naannummaa irraa bilisa ta’uun Oromummaa
qofaan ijaaramuu…
7. Xiqqaan guddaa
kabajuu, guddaan xiqqaa kabajuu…
8. Akka aadaa
Oromootiin hayyuu hayyoomsuu: Namni hayyuu jedhamelle, kabajaa ofii isaatiifi
kan nama biraalle eegatee hayyummaa isaa eeggachu. Hayyuu kan hayyoomsu
beekaafi wallaalaa; akkasuma hayyuu namni jedhamelle beekaafi wallaalaafile
kabajaafi yeroo qabaachuu….
9. Social
media (miidiyaa hawaasaa) diina Oromoo
ittiin abaaruu malee Oromoofi Oromoon ittiin wal-abaaruu dhiisu….
10.Lammiirraa baqachuun orma jala galuu dhiisu:
Mammaaksa, “ormi gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa” jedhu yaadachuun hamaafi
tolaa ofirrattis duuluu dhiisu…
11.Haafuura biyya
alaatti akka qufaa Oromoo killisiisee yaadaan qufaasisaa jiru kana akkuma inni
biyya alaatti dhaamu gochuu malee, gara Oromiyaatiifi gara olla Oromiyaatti
akka hin galle yeroodhaan talaaluu ykn kittibaatii kennanii fayyisuu…
12. Miidiyaa guddaa
Oromoo kan fedhiifi bilisummaa Oromoo irratti hojjatu ijaaruu, kan jiran
jabeessuu; kan biraalle hundeessu. Miidiyaaleen Oroomoo jiran kunnee Oromoo
Oromoo akka urgaawan gochuun akka inni kutaalee Oromiyaa Boorana, Gujii, Arsii,
Ituufi Humbana, Tuulama, Macca, Walloofi kkf of itti hirmaachisiisuun kutaalee
Oromoo hundumaa abbummaan akka itti dhaga’amu gochu…
13.Waraanaa gara
garaatti ijaaruufi kaayyoo gara garaa faranjootatti yookiin hawaasa addunyaatti
himuu dhiisuu. Kaayyoo Oromoo tokkorratti walii galuun itti cichuu….
14.Yeroo amma
dhiigni Oromoo akkuma bara Minilikiitti dhangala’aa jiru kanatti, garaa
garummaa xiqqoo dhiisuun dhiiga qeerroofi ilmaan Oromoo galmaan gahuufi
akkasuma gumaa baasuun bilisummaa fiduuf bakka tokkotti dhufu…
15.Olala diyaaspooraan
Oromoo karaa miidiyaa hawaasaatiin wolirratti oofaa jiran Woyyaaneen biyyatti
sagantaa dokumentarii irratti hojjattee uummata Oromootiifi qeerroo Oromoo
biyyatti ittiin hamilee cabsuuf halkaniifi guyyaa waan hojjataa jirtuuf,
namoonni Oromoo taatanii Oromoo irratti ololtan osoo hin beekin wallaalchaan
Woyyaaneef akka miindeffatanii hojjataa jirtan bartanii gocha kanarraa
dhaabachuu...
16.Siyaasaa namoota siyaatiif dhiisu. Yeroo
hedduu siyaasaa karaa miidiyaa hawaasaatiin oofan irratti kan wal-lolaa jiran
irra jireessi namoota siyaasaatii miti. Namoonni of mudhisuuf, akkasuma yaada
dhuunfaa isaanii irratti namoottaan walitti bu’uun daboo wal-arrabsuu karaa pal
talk tiin walitti banuun beekaman, amma gama face book tti asi gara galanii jiran
kunneen gocha kanarraa dhaabachu…