Saturday, September 24, 2016

Woliin diinarratti duuluu malee, wolirratti duuluun bilisa nu hin baasu.


Ani akka nama tokkotti Juuneeddiin Saaddoo dhiifama gaafachuun isaa akka malee dansa'a jedha. Maaliif jennaan,wanti biraa yoo hafeeyyuu waahiloota isaa duraanii qondaaltoota OPDO Woyyaanee harkaa yaasuuf nu fayyada. Oromoon safuu (teeda) qaba. Nama dogongora fudhatee namatti dheesse itti hin duulanu; akkasuma hin dhajiifatanulle (badii isaatiin akka qaana’aa jiraatu hin godhanu). Badii nama sanii yoo garaa irraa araaramaneef garuu namni sun badii irraa deebi'a, nama biraatiifille fakkeenna ta'a. Yoo nama san dhiifama ykn araara inni gaafate harkatti didane, namni sun badii san caalu balleessuu mala, namoonni badii nama saniitiin wolfakkaataa qabanulle, gosa keessaa bahanee diinatti galuun badii badii duraanii caaltu balleessu dande’an. Nama dogongoree badii balleessa malee, yoo balleesselle araarrii (dhiifamni) naaf taasifama jedhe, osoo beekuu namni badii hojjatu garuu aadaafi safuu Oromoo keessa hin jiru...Oromoon kan balleesselle gorsuufi adabuun waldhagahuun aadumaa isaati. Gorsuufi adabuunille aadaa teenna ta’ee adoo jiruu garuu, itti duuluufi abaaruun aadaa teennaa moti.

Rakkoon keenna guddaan, yeroo ammaa,hundumti Oromoo beekaalle, wollaalaalle qixxee wol akeekuu ykn ajajuu fedha. Ilmi namaa higa qubni keenna walcaaluu yaadaafi beekumsaan, bilchinaan, obsaan, dandeettii fi kkf wol caala. Amma kan argaa jirru garuu hundumtuu face book irratti ol bahee yaada bilchaataa kan duubattuufi barreessulle osoo jiraatuu, arrabsoofi walirratti duuluun heddummaateera. Qabsoon akkasii moti; aadaa fi saafuun (teedni) keennalle akkanaa moti. Waldhageettiifi kabajaan, angafaafi maandhummaan (quxusummaan) dhabameera. Mee waan tokko Oromoo gaafachuu barbaada, namni kuma tokko osoo walgahii tokko waamame namni kuma tokkoo hundinuu walgahii san qixxee gaggeessuu ni danda'aa? Dhimmi walfamisiisaan osoo walgahii kanarratti ka'e, yaadni nama kumaa hundinuu qixxee ta'a? Waltajjii mijataa yeroo amma teknooloojiin interneetiifi face book mijeesseen garuu, namni hundinuu yaadaa isaa karaa barreeffamaatiifi viidiyoo waraabuun olbahe ‘zarraaf’ jechuun hayyuufi wallaalaa, hoogganaafi miseensa, guddaafi xiqqaa, angaafaafi maandhaa, qaroofi gowwaa Oromoon qabu wolii wollaalaa jirra.


 Kanaafuu yaa Oromoo, hundi keennaayyuu, beekaafi walaalaalle, kan barateefi hin baratinille walitti qabnee, qabsoo Oromoo kanarratti hayyuu taanee irratti walmormuu haa dhiisnuuti.Madaala safuufi aadaa Oromoorra if keennee higa keennalle haa hubannuuti. Yeroo tokko tokko, yeroo qabsoo diinaan kokkee itti wolqabnee jirruu dhiisnee, garaa garummaa yaadaa diqqaarratti adoo wolmorminuu yeroo gubnaa, diinaafille aara galfii kenninaaf. Woliin diinarratti duulutti diina keenna nu mo'achiisa malee, wolirratti duuluun yomiiyyuu diina keenna nu hin mo'achiisu.