Loltoonni Agaazii ammalle goloota Oromiyaa gara garaa keessa
socho’uun Oromoo ajjeesaa, dubartii gudeedaa, qabeenna saamuufi uummata mana
hidhaatti gursisaa jiran. Namni karaa Agaaziitti argasiisaa jiru OPDO-Oromoo
Goobane. Agaaziin boru Oromiyaa keessaa ni baati. Oromoon nama isa ajjeesiseefi
saamsise tolchee beeka waan ta’eef, hardhaafi borulle maal gochuu irra jiraata?
Gubbaarraa mootummaan Woyyaanee miidiyaa sobaa isaatiifi
paarlamaa fakkeessi keessa taa’ee, yeroo tokko “namoota muraasatti jeeqaa jira,
gaaffiin kun gaaffii namoota hedduu miti..” jedha. Yeroo biraa ammoo, humnoota
badiitiifi farreen nageenyatti uummata kaasee…” jedha. Yeroo muddame ammoo, “uummata
kana uummata seexanatti nutti banee, xonqaawoota Oromoottu gadi nutti bane…”
jedha. Amma ammoo afaan damma dibatanee “rakkina nutti qaba, dongorree jirra,
uummanni sirriidha…” jedhee dubbii woliin dhaha. Akkuma lukkuun, “yoo nyaadhee fixuu dadhabee,
fixee firfirsuu hin dadhabuu” jette jedhanitti, Woyyaaneen kufuu isii bartee
biyya balleessaa, uummata fixaafi hidhaa akkasuma qabeenna saamaa jirti. Uummatalle
dhiifama gaafachaa ajjeechaa, hidhaafi saamichi qabeennaa guutuu Oromiyaa
keessatti itti fufee jira waan taa’eef, Uummanni Oromoo taa’ee dhumuurra maal gochuu irra
jiraata?
Woyyaaneen yoo
lakkosfa Uummata Itoophiyaa gabaastu, uummata Oromoo wal’akkaan gadi buustee
himti. Baay’inni uummata Oromoo kun kaleessaafi hardhalle diinotaaf sodaa guddaadha.
Gochi woyyaaneen uummata Oromoo irratti amma raawwachaa jirtu, gocha laakkofsa
Oromoo gadi buusuu yookiin duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwataa
jirti. Ani garuu kan gaaffii natti ta’e, lubbuu Oromoo kan horii taasisee, kan isaanii
maaltuu kana namaa taasisee?
“Lola worraa Mooyyeen lonkolaattee” jedha mammaaksi Oromoo. Mee
dhugumatti, yeroo Oromoon amma guutuu biyyaa keessaa kutatee ka’e kanatti,
qabeenniifi karri Oromoo kanneen akka dhagaa, ibiddi, eeboon, shimalli,
looyyaan, xiyyi, gobaan, dullaan, qawwee fi kkf yeroo tokkotti, guyyaa tokkotti, saatii
tokkotti guutuu Oromiyaa keessaa lafaa ka’anii Oromoo woliin osoo akka mooyyeen
lola worraatiif konkolaattee jedhan sanitti konkolaatanee, Oromoon amma diinni
itti roorrisu kun hin kabajamuu laati?
“Qamisiin masqalaaf hin kaa’atamne haa ciccittu” akkuma
mammaaksi jedhutti, qabeenni bilisummaa Oromootiif hin oolle kan ormaa akka ta’efi
firri qabsoo bilisummaa oromootiif hin birmanne ormuu isaa meeqa keennatti
hubateera?
“Qeeramsa eegee hin qabanu, qaban gadi hin dhiisanu” akkuma
mammaaksi jedhu, qabsoo bilisummaa Oromoo amma finiinaa jirtu kana yoo
laaffisane, dhumaatii Miniliki Oromoo fixe caalaa Woyyaaneen Oromoo fixuuf akka
jirtu, beekaa Oromoo keessaa guuranii ija jaamsanii Oromoo daarsuuf, akkasuma
laaqii yookiin dhoqqee garbummaa keessaa hin bahamne Woyyaaneen Oromoof
bukeessaa akka jirtu meeqa keenyatti hubateera…?
No comments:
Post a Comment