Ani akka nama tokkotti
Juuneeddiin Saaddoo dhiifama gaafachuun isaa akka malee dansa'a jedha. Maaliif
jennaan,wanti biraa yoo hafeeyyuu waahiloota isaa duraanii qondaaltoota OPDO
Woyyaanee harkaa yaasuuf nu fayyada. Oromoon safuu (teeda) qaba. Nama dogongora
fudhatee namatti dheesse itti hin duulanu; akkasuma hin dhajiifatanulle (badii
isaatiin akka qaana’aa jiraatu hin godhanu). Badii nama sanii yoo garaa irraa
araaramaneef garuu namni sun badii irraa deebi'a, nama biraatiifille fakkeenna
ta'a. Yoo nama san dhiifama ykn araara inni gaafate harkatti didane, namni sun
badii san caalu balleessuu mala, namoonni badii nama saniitiin wolfakkaataa
qabanulle, gosa keessaa bahanee diinatti galuun badii badii duraanii caaltu
balleessu dande’an. Nama dogongoree badii balleessa malee, yoo balleesselle
araarrii (dhiifamni) naaf taasifama jedhe, osoo beekuu namni badii hojjatu
garuu aadaafi safuu Oromoo keessa hin jiru...Oromoon kan balleesselle gorsuufi
adabuun waldhagahuun aadumaa isaati. Gorsuufi adabuunille aadaa teenna ta’ee
adoo jiruu garuu, itti duuluufi abaaruun aadaa teennaa moti.
Rakkoon keenna
guddaan, yeroo ammaa,hundumti Oromoo beekaalle, wollaalaalle qixxee wol akeekuu
ykn ajajuu fedha. Ilmi namaa higa qubni keenna walcaaluu yaadaafi beekumsaan,
bilchinaan, obsaan, dandeettii fi kkf wol caala. Amma kan argaa jirru garuu
hundumtuu face book irratti ol bahee yaada bilchaataa kan duubattuufi
barreessulle osoo jiraatuu, arrabsoofi walirratti duuluun heddummaateera.
Qabsoon akkasii moti; aadaa fi saafuun (teedni) keennalle akkanaa moti.
Waldhageettiifi kabajaan, angafaafi maandhummaan (quxusummaan) dhabameera. Mee
waan tokko Oromoo gaafachuu barbaada, namni kuma tokko osoo walgahii tokko
waamame namni kuma tokkoo hundinuu walgahii san qixxee gaggeessuu ni danda'aa?
Dhimmi walfamisiisaan osoo walgahii kanarratti ka'e, yaadni nama kumaa hundinuu
qixxee ta'a? Waltajjii mijataa yeroo amma teknooloojiin interneetiifi face book
mijeesseen garuu, namni hundinuu yaadaa isaa karaa barreeffamaatiifi viidiyoo
waraabuun olbahe ‘zarraaf’ jechuun hayyuufi wallaalaa, hoogganaafi miseensa,
guddaafi xiqqaa, angaafaafi maandhaa, qaroofi gowwaa Oromoon qabu wolii
wollaalaa jirra.
Kanaafuu yaa Oromoo, hundi keennaayyuu,
beekaafi walaalaalle, kan barateefi hin baratinille walitti qabnee, qabsoo
Oromoo kanarratti hayyuu taanee irratti walmormuu haa dhiisnuuti.Madaala
safuufi aadaa Oromoorra if keennee higa keennalle haa hubannuuti. Yeroo tokko
tokko, yeroo qabsoo diinaan kokkee itti wolqabnee jirruu dhiisnee, garaa
garummaa yaadaa diqqaarratti adoo wolmorminuu yeroo gubnaa, diinaafille aara
galfii kenninaaf. Woliin diinarratti duulutti diina keenna nu mo'achiisa malee,
wolirratti duuluun yomiiyyuu diina keenna nu hin mo'achiisu.
No comments:
Post a Comment