Haasofni Obbo Lammaa Magarsaa 'April the fool' ta'innaa? Obbo Lammaan
eennu abdate akkasitti haasawa, warra isa muudatee ergate moo, uummata
Oromooti?
Ana duruu wanti naaf hin galin, haasawa Obbo Lammaa Magarsaati.
Haasofni Obbo Lammaa Magarsaa diyaaspooraa hedduu hunda akka booji'e quba
qaba...Garuu Sobni nama oolcha malee nama hin bulchu...Dubbiin Obbo Lammaa akka
jajamteen osoo lafarratti gadi hin bu'in bubbulte.Sobni bule hollaa (kijiba)
ta'a jedha Oromoon. Obbo Lammaan akkaataa nama itti soban yeroo basaasummaa
biyya Israa'eeliitti barate, baratuu mala. Goommaa 'Worraaqsa diinaagdee'
isaallee Abbay Xahaayyeen faa misimaaruma gibiraa tokkoon jalaa dhoosane; silaa
dubbiin warraaqsaa sun dansa'a, yoo kan arrabaa qofaafi soba 'April the fool' jedhan san hin ta'in taate.
Obbo Lammaan eennuun abdate akkasitti haasawa, warra isa
muudatee ergate moo uummata Oromooti? Deebii gaaffii kanaa obbo Lammaadhumaaf
dhiisa. Garuu wanti ani Obbo Lammaa gorsu, yoo uummata Oromoo Abdattee
akkasitti haasofta ta'e, kana caalaa yeroo hin qabdu bunni si jalaa qabba'e
waan ta'eef seenaa hojjadhu...yoo ammoo ergama Woyyaanee warra dantaa
isaaniitiif OPDO Adeetitti (Tigiraayitti) hundeessanee san bahaa jiraatte, afaan
Keeti sabboonaafi daammii sun keemistirii Qeerroo Oromootiin callabba'ee
asiiditti jijjiiramee afaan kee si gubuuf qophaa'eera.
Akka baay'ina barcumaa paarlamaa keessaa qabdutti, silaa biyya
bulchuun olaantummaa Tigiroota (Woyyaanee) dhabasiisuun dantaa Oromoo eeksisuun
kan male, silaa OPDO (miseensota OPDOti) akka hin jenneefille, haqni yoom
paarlaamaa Itoophiyaa keessa teettee (teessee) beekti, afaan qawweerra male.
Woyyaneen gaafa OPDO dantaa isaaniitiif hundeessiteeyyuu
shakkitu, loltoota isii bobbaastee Oromiyaafi OPDO iyyuu boojiti. OPDO keessa
sabboontonni akka jiran shakkii hin qabu. Garuu, kana booda OPDO'n, Oromo
People Democratic Revolution (OPDR) tti
of jijjiiruun dantaa Oromootiif dhaabatuu qabdi. Nuuti Oromoon (sabboontonni
dhugaa) kan qabsoofnuuf, Oromoo qofa bilisa baasuuf osoo hin taane, OPDO ille
bilisa baasuuf.
No comments:
Post a Comment