Guyyaa,
Sanbata diqqaa (Saturday 16/09/2017)
Lolli
Woyyaaneen maqaa ummata Kibbaa Burjiitiifi Amaarootiin kibba Oromiyaa Lixa
Gujiitti bante ammaayyuu itti fufee guyyaa 4ffaaf deemamaa jira. Lolli kun lola uummanni Gujii, Burjiifi
Amaaroon wal-lolaa jiranuu miti; lola Woyyaaneen maqaa uummattoota kanaatiin
bante male. Haa ta’uu malee, namootaafi qaamolee ergama Woyyaanee fudhatanii
daangaa Oromiyaa cabsanii seenan dhahuun ifirraa deebisuun dirqama. Akka
odeeffannoo madda amanamaa irraa argadhetti, Poolisoonniifi milishoonni naannoo
Kibbaa gama Burjii goranii Burjii gargaaruun Gujii lolaa jiran. Gama
Oromiyaatiin ammoo, gargaarsi ummanni Gujii argate hin jiru.
Gujiin, akka
Burjiin poolisootaafi hidhattootaa mootummaa Kibbaarraa gargaarsa argataa
jiranu gargaarsa mootummaa naannoo
Oromiyaa irraa argachuu dhabulle, Burjii
loleetuma lolee gara magaalaa Burjii Goochee, Biilaa fi Sooyyamatti galcheera. Magaalonni Burjii kunneen “humna raayyaa ittis biyyaa kan Itoophiyaa”
tiin (‘makkalaakkayaan’) eegama jira.
‘Makkalaakkayaa’ lle waan nageya buusu
fakkaatee Burjii irra goree Gujii rukutaa jira. Lola higa ammaatti lolamaa
jiruun, Gujii irraa namoonni 4 yoo woreegamanu, gama Burjiitiin ammoo namoonni 30 olii ijjeefamaneeran.
Miidhaan gama qabeennaatiin gahe ammoo,
Gujii irraa manni buuyyoo (citaa) 3 gubateera. Burjii irraa ammoo, manni
buuyyoo (citaa) gara 10 gandoota mandara didiqqaa isaanii keessaa gubateera. Kan Burjii Fichaan (maasiin)
midhaanii kan akka garbuu, Xaafii, boqqolloo hektaarri 500 olii gubateera.
Akka maddi
odeeffannoo kiyyaa jedhetti, magaalaa Bulee Horaa keessa Ganda Burjiin qofti
jiraattu, kan manni saba biraa tokkolle jidduu hin jirre gara mana 500tti jira.
Magaalaa Bulee Horaa kana keessatti Burjiin tun meeshaa woraanaa iddoo isiin
fiddee kan hin beekkamne hidhatte, fooddaa (maskootii) manaatiin loluudhaan
nama nageyaa harka duwwaa jiruufi makiinaa sochii dhoowwitee jirti. Agaaziifi
Poolisoonni mootummaa kan Bulee Horaa jiranille caldhisaneetumaa ilaalaa jiran.
Haa ta’uu malee, Gujiin xiyyeeffannaa guddaa gara daangaa Oromiyaatti kennee
gara daangaa duuleeraa, akkasuma duulaa jira. Burjiin Bulee Horaa ganda
Burjiirraa garuu, uummatuma magaalaa keessa
harka duwwaa deemuu, mana keessa teettee qaawaa manaatiifi fooddaadhaan
dhukaasaa bulte eda.
Gama Aanaa
Galaanaatiinille, lolli Gujiifi uummata Kibbaa kan Amaaroo jedhamu jiddu erga jalqabamee guyyaa
4ssoo qabateera. Mootummaan Woyyaanee, ta’e jedhee itti yaadee kallatti adda
addaatiin lola labsee Oromoo waraanaa jira jedhan. “Qaruuxeen haadha daa’imaa
ifii dhuuftee funnaa (funyaan) qabatti
akkuma jedhamu, kan harka uummata biraatiin nu lolaa jiru mootummaa Woyyaaneeti
malee, uummata kanneenii moti” jechuun dubbatan uummanni Gujii.
Maddi
odeeffannoo kiyyaa kun akka jedhetti, “Oromoon gara biraa jirtan, lola nurratti
baname kana deegarsa hamileelle taatu isinirraa dhabneerra jedhan. Lola nuuti
guyyaa 4ffaaf itti jiruu kana, namni waa’ee isaa dubbatuufi sagalee keenna
dhageessisu akka malee diqqaadha” jechuun komii isaanille asumaan dhaammatane.
No comments:
Post a Comment