Oduu Oromiyaa Miidiyaa
Neetworkiin guyyaa kaleessaa (8.6.2015) gabaaseen, balaa ibiddaa magaalaa
Finfinnee, markaattoo iddoo Sharaa Taraa jedhamutti tibbana ka’e ture gabaasuuf, ogeessi kaameraa, konkolaachisaafi rippoorterri dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa
miidiyaalee biyya keessaa kan biro wajjiin achitti argaman. Haa ta’u, malee
gaazexeessitoonni kunneen, waan namni hin yaadneefi isaan hin shakkinetti isaan
mudate. Poolisoonni Federaala, gaazexeessitoota Raadiyoofi TV Oromiyaa
gaazexeessitoota biraa addaan baasuun qabanii reebanii(tumanii), keessumattuu
ogeessi kaameraa Obboo Leellisaa Nagarii hospitaala Paawuloos akka seenan
gabaafameera.
Wanti nama ajaa’iba,
opdon gogaa Oromo’oo, akka tolee sa’a
harkuutti uffattee jirti malee, dantaa Oromootiif akka hojjataa hin jirree
Oromoo dhiisaatii ormille ni beeka. Haa ta’uutii garuu, habashootaafi Woyyaanotatti maqaan ‘Oromoo’
jedhamu alaarjikii itti ta’uudhaan mataa dhukkubsuu irra dabree, dhaabuma ofii
ijaaran shakkan. Haati hattittiin ilmoo ishee hin amantu akkuma jedhamu,
woyyaaneefi habashoonnille gocha isaanii waan beekanuufi opdo misikiina shakuun
bir’atan.
Waa’iloonni koo yeroo
ani Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa keessa hojjataa ture waliin hojjachaa
turre hedduun dhaabata san keessaa dhiibbaafi cunqursaa hedduun ari’amaneeran. Akka
carraa ta’ee isaan keessaa anille, namoota ajaja woyyaaneetiifi mallatoo opdo
tiin ari’ame keessa nama tokko. Dhaabbata san keessatti, marsa duraatiifi gara
gaazexeessitoota torbaa bara 2011 anaan dabalatee ari’ane. Yeruma san, ammoo
gaazexeessitootaa Oromoo qulqulluu ta’an, Oromummaa isaanii qofaaf hedduu
isaanii achuma dhaabbata san keessati mana kitaabaa, kutaa meeshaa, kutaa taa’anii
yaada uummataa bilbilaan fuudhaniifi kkf ramaduun hamilee isaanii caccabsanii
irra deeman.
Bara
dhegendaa (2014), ammoo dubbii maaster pilaanii ka’een wal-qabatee, Oromoo
qulqulluu qofa ta’uu isaaniitiif
gaazexeessitoonni 17 dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa keessaa ari’amaneeran.
Ariisaa gaazexeessitoota Oromoo guyyaa tokkotti namni 17 oli miidiya tokko
keessaa ari’amuu isaaniitiif addunyaarratti rikeerdii ta’ee galma’ee. Dhaabbanni
mirga gaazexeessitoota biyya lafaatiifi falmu CPJ (Committee to Protect
Journalists) dhimma gaazexxeessitoota Oromorratti raawwatame kana faana dhahuun
gabaseera.
Mudannoo kan biraa, miidiyaalee Itoophiyaa irraa adda
baasanii, dhiibbaa gaazexeessitoota
Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaarran gahan isinitti haa himuuti. Barri isaa
bara dhengeeddaa (2014), yeroo ayyaanni saboota, sabi-lammootaafi uummattoota
Itoophiyaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajamee turetti, garoota jilaa
naannoolee sagalii Itoophiyaa hunda keessaa dhufaniifi jala bultii ayyaana
sanaarratti magaalaa Harar keessatti simmannaan taasifameef. Miidiyaaleen biyya
Itoophiyaa hundinuu ayyaana gabaasuuf achitti argamuun asiifi achi fiiguun aadaa
sabaafi sab-lammootaa hedduu waraabaa gabaasaa turan. Guyyaa sanatti, ammas
dubbiin akka Obboo Leellisaa mudatee, gaazexeessitoota Dhaabata Raadiyoo TV
Oromiyaa (DhRTO) wanti isaan sirumaa hin
yaadin isaaniin mudate.
Sunille: Gaazexeessitoonni DhRTO kunneen, garee jila saboota Itoophiyaa
hedduu bakka bu’uun, ayyaanarratti argamuuf dhufan garii isaanii akkuma isaan
wal-duraafi dubaan magaalaa Hararii gahanii qubataniin dubbisaa turan. Yeroo
garuu, gareen jila naannoo Tigiraay dhufan, gaazexeessitoonni DhRTO, mooraa
imaltoonni garee jila naannoo Tigiraayii
itti boqatan seenanii warabanii oduu hojjachuuf yaalanitti, seensefamuu
dhoowwaman. Gaazexeessitoonni, waraqaa eenyummaa baasanii Tigirootatti
muldhisan…ammalle numa dhoowwan. Garee biroo waraabaa akka turan amansiisuuf
yaalanille, gonkumaa gaazexeessitoonni Oromiyaa mooraa imaltoonni garee jila
Tigiraay irraa dhufan seenuu akka hin dandeenne jala sararanii itti himan.
Gaazexeessitoonnille
akka saree dhufteetti eegee saabatan dhiisanii deeman. Yaa OPDO, erbeen siin
qaban haa baddu! Woyyaaneen maqaa Oromootiin, Oromiyaa ittiin saamuuf si
ijaartee, akka farda gaariitiifi akka kondomiitti sitti gargaaramuun dhuma
keeti boolla kosii keessa buusuuf yeroo deemamu garaan kee si hin aaruu? Maqaa
keetiin yoo uummata Oromoo fixan sitti hin dhaga’amuu? Yaa OPDO, maqaa Oromootiin
suma yoo wayyaaneen hudduu keessa si dhiittu, Oromoon siif garaa hin gubatuu? Yaa
OPDO, aangoo lubbuu qabdulle sitti hin kennanuu aangoo harcaatuu malee; ati erguu hin
dandeettu ergamuu male. Silaa biyya
keetiratti namni jara erguun male siidha; garuu erguun osoo sirra jiraatuu
hanga yoomiitti ergamtaa? Awwaalli siif qotamaa jiru yoom sitti mul’ataa?
Qaanii maqaa keessaniin Oromoorra gahaa jiru yoom isinitti dhaga’amaa…?
Woyyaaneen akkuma garaafi lafa Oromoo baraa dhufteen, kallattii
hedduudhaan kabajaan isiin OPDOfi
Oromoof qabdulle gadi bu’aa dhufe. OPDO kan ijaaraniif, duraan Oromiyaa ittiin
seenuuf. Woyyaanonni erga Oromiyaa seenanii qabataniin booda, barbaachisuummaan
OPDO gadi bu’aa dhufeera. Ofumaa isaaniitiif OPDO lammeessoo ta’aniiran. Kanaafuu
OPDO, isin balleessuuf isinitti deemaa
jiran. OPDO yoom siif galaa? Bishaan dhangala’e dhaqqabanii hin waraabanu lakkii
OPDO? OPDOnis qabsoo uummataa Oromootti yeroo isaan itti dabalaman amma ta'uu qaba...! Sanaa miti jennaan isheedhumaa dhabamsiisuuf deemamaa jira. Namoonni dogongoraan OPDOn tarii aangoo olaanaa argattee mirga Oromoo kabachiisuu malti jedhanii yaadanille, OPDOn mataa isheetuu akka garbaatti itti dhaadachaa akka jiran, dhaaduu miilana Abbay Tsahayyee irraa agarree jirra.
Woyyaaneen qabeenna
Oromoo saamtee galuuf dhufte; amma ammoo lafuma keenarratti waggaa dhibba
akkuma Nafxanyootaa nu gabroomsuuf karooraa maaster pilaanii baafattee
magaalota naannoo Finfinnee jiran fuchadhuun “…ni misoomsinaa; Oromoon gadi haa
dhiisuu…” jedhan. silaayyuu Woyyaanumatti biyya bulchaa jiraa, maaster pilaaniin
kun bulchiinsuma OPDO jalatti maaliif haa misoomuu jedhuu dhiisanee? Yoo xiqqaate
afaan hojii OPDO afaan Oromooti…kunuu Habashootaafi
Woyyaanotaaf mataa dhukkubbiidha. Dubbiin maaster pilaanii kanaan akkana
jechuun isaanii, “…kana booda hin barbaachiftanii, biyya barree jirraa… akka
feenee keessa deemna, tokkoon kee yoo dubbatte ‘likki yigaal’, qorsa siif
qonneerra…” jechuun kanumaaf. Yaa OPDO
yoom siif galaa…?
Gama biraatiin akkuma
OPDOfi Oromoolle tuffataa dhufaniin, sagantaa Afaan Oromoo Dhaabbata Raadiyoofi
TV Itoophiyaa keessaa ni cufane; hojjatootta sagantaa Afaan Oromoorra hojjatan
gara 60 gahan diiganii bittineessane. “yoo barbaaddan gara naannoo, Oromiyaatti
galaa afaan Oromootiin hojjadha; sanii miti jennaan afaan Amaaraatiin
hojjadhaa..” jedhaman gaazexeessitoonni Oromoo Televeshiiniifi Raadiyoo
Itoophiyaa keessa hojjatan. Gariin isaanii Adaamaa gara Dhaabbata Raadiyoofi TV
Oromiyaa dhufan. Gariin isaanii ammoo ni faffaca’an. Kuun isaanii ammoo afaan
Amaaraatiin hojjachuuf dirqamanii gadi itti taa’an. Gaazexeessitoonni gara
Adaamaa dhufan, haalli achi ture isaan simachuu dide. DhRTO Adaamatti
argamulle, miidiya maqaa Oromoo uffateeru malee, hojiin isaanii kanuma
Raadiyoofi TV Itoophiyaa san caalaa hamaadha.
Dhaabbanni Raadiyoofi
TV Oromiyaalle, dhaabbata habashoonni Afaan Oromoo danda’an keessatti of
ijaaranii, gaazexeessitoota Oromoo qulqulluu ta’anitti, haadha masaanuu (haadha
buddeenaa) ta’uudhaan iddoo itti dararaman ta’ee argame. Oromoon
haadha ofiirraa adda baafamee, haadha buddeenaatiin hanga yoomii rakkataa? Oromummaan
qofti maaliif badii ta’aa? Kun yoom
OPDOtti mul’ataa? OPDO Oromoo qulqulluu ta’an maaliif warra gumaa Oromotti ta’uuf
deemanii? Maaliif waamicha qomoo isaanii isaaniif godhamaa jiru didanii orma dhaga’aa
jiru….? “Mucaan nyaanyaa jedhe nyaachuu hin oolu” jedha mammaaksi Oromoo. “Xiqqoo
turra malee, numa urra jette booombiin...”