Yaa Oromoo, qabsoo
bilisummaa biyya tokkoo keessatti gargaarsi biyyoota alaa ni barbaachisaadha
yoo jennee of gaafannee, deebiin jiruu eetii (eeyyee) ta’a; garuu eenyurraa,
akkamiin, yoom, fi ani maali biyya sanirraa barbaadaa, biyyi sun ammoo maal anarraa
barbaaddi waan jedhaa dagachuu hin qabnu. Ani akka nama lafaa dhufaa tokkotti
waan tajjabe qaba. Nuuti, biyyi faranjii dimookitaawa waan taateef akkuma biyya
isaanii dimookiraasii dhugaa waan nuuf hawwituufi waan nu badhaastu natti
fakkaata ture. Garuu, sana booda
faranjoonni faayidaa isaaniitiif yoo hojjaan (dhaabbii) isaanii gabaabaa ta’ee,
nuuti duunee isaan reeffaa keenna gubbatti bahanii hojjaa dheereffatanii
faayidaa isaanii fagotti argan ta’e, akka nuuti ajjeefamnee tuulamnuuf feeti.
Namni uumamaan
ofittoodha-of jaalata. Daa’ini xiqqaan afaan hin beeknelle, waan itti
calalaqeefi itti bareedee hundumaa ofitti harkisa, namni biraa akka irraa tuqu
hin fedhu ni booha. Gama biraatiin, biyyi kamiiyyuu faayidaa biyya isii dursiti. Biyyi faranjiille akkasuma. Yoo
nuuti of hin bilisoomsin, faranjiin nu
hin bilisoomsitu. Faranjiin nama humnaafi tokkummaa hin qabne hin feetu yookiin
hin jaalattu. Faranjiin nama humna qabu,
kan isaan walii galuun faayidaa isaanii eeksisuuf barbaaddi. Diinni keenna nurra
humna kan qabuufi faranjiin michoomeera yoo ta’e, faranjiin dantaa isii
eegachuufi, akkasuma faayidaa dabalataa tarii boru nurraa feetuuf jecha,
yookiin akka maqaan isaanii hin badneef yookiin nulle isaanirratti beekkannee
akka isaan hin jibbineef, afaaniin diina
keenna san nu wajjiin abaaraa, garuu faayidaa isii eegsifachuuf jecha harka
lafa jalaatiin diina keenna cimsiti.
Kanumaan wal-qabatee, dimookiraasii
sobaa biyya Itoophiyaa keessa akka jiruufi dimookiraasiin dhugaa akka hin jirre
fanjiin ni beekti. Gaafa Dargiin kufelle, Tigiroonni Tigirayiifi Erteraalle,
akkuma Oromoo qabsoo godhaa turan bilisoomane, bilisummaan Oromoo ammoo gufatte duubatti deebite. Oromoon
silaa bilisoomuu kan irra ture, faranjoonni lixaa gaafa (ganfa) Afrikaa,
keessumattuu Itoophiyaa irratti Raashiyaa jalaa bilisoomte…biyya faranjiitti,
mootummaan karaa sirrii ta’een uummataan filaatamulle, yeroo tokkoo tokko mootummaanis
fedhii uummataatiin ala bahee ifaa ifatti hojjachuu ni sodaata, harka lafa
jalaatiin male. Maaliif jennaan, maddi galii diinaagdeefi aangoo mootummaa
kanneen uummata waan ta’eef. Kanaafuu, yeroo hedduu mootummaan faranjiille,
ifaa ifatti waan hedduu hojjata osoo hin taane, dhaaba basaasaa hedduu
dhaabuudhaan waan uummanni isaanii hin beekne, mootummoonni silaa nuuti akka
fakkeennaatti fudhannulle sadarkaa waan uummanni isaanii hinfeeneefi hinbeeknee
hojjatanirralle genyeerra.
Akka fakkeennaatti,
biyya Itoophiyaa keessa dimookiraasiin akka hin jirre mootummoonni lixaa
dhiibaafi dhibbatti, ykn guutumaa guututti beekan. Garuu mootummoonni alaa
kunneen dantaa isaanii biyya Itoophiyaa keessattifi naannoo gaafa Afrikaa
sanitti eegachuuf, Itoophiyaa qabachuu waan barbaadaniif, yeroo garaa garaatti
maallaqa guddaa Itoophiyaaf kennaniifii gargaaraa jiran. Filannoon sirriin akka
Itoophiyaa keessatti gaggeeffamee hin beekin, faranjoonni numa beeku. Garuu
warri lixaa dantaa isaanii dhabuurraa,
akkasuma uummanni biyya isaaniille, “maallaqa nuuti kiisaa keenyaa gibira
baasnee kenninuun abbootiin irree maaliif gargaartaanii?” akka hin jenneen
filannoon fakkeessii kun akka adeemamuuf barbaadan…
Oromoon hedduun
filannoofi woyyaanuma wajjiin hojjachuun akka hin danda’amne duraanuu barane.
Garuu namoonni itti fakkaatee marsa shaniif ykn waggootaan 25f jaannan
(curruuqan)ille, barumsa waan fudhatan natti fakkaata. Shan Oromoo biratti
hiikaaf kabaja addaa qaba. Baalliin Gadaa Oromoolle shan…marsa shaniin oli maqaa
filannoo sobaatiin sobamuun gahee, falliifi malli biraa itti soqamuu qaba.
Filannoo Itoophiyaa keessatti bara 2015
keessa filatame akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, dargaggeessi dhalataan
qubee cunqursaa woyyaanee keessatti dhalatee abbaa malee guddate, yeroo
kamiiyyuu caalaa hadheeffate irra caalatti woyyaanee kuffisuuf paartii KFO (Kongireensii Federaalawa Oromoo) duukaa
hiriiruudhaan guutuu Oromiyaa keessatti Woyyaanee rifachiisan. Woyyaaneen,
filannoo sobaa fakkeessiif gootu, tarii osoo fakkeessuu saree of hin nyaachisu
jechuudhaan, miseensota, kaadhimamtoota, dorgomtootaafi taajabdoota paartii KFO ajjeesuu, hidhuufi doorsiisurraa darbanii sagalee uummataa
loltuufi milishoota itti bobbaasuu akka saamaa turan ragaan uummata bal’aadha.
Sada
duraayyuu, gaafa duulaa nu filadhaatiif uummanni, keessumattuu dargaggeessi
iddoo garaa garaatti bahee paartii
Koongireensi Federaalawa Oromootiif deegarsa kenne, uummata raajechiisee,
woyyaanee rifachiise. Uummanni deegarsa paartii kanaatiif, Amboo,
Shashamanneefi Bulee Horaatti bahee riikeerdii ykn sadarkaa guddaan galmaa’e.
Akka ragaa uummata biraa aragannetti, kallattii Oromiyaa hunda keessatti
saamichi sagalee uummataa, hidhaan, doorsifniifi kkf guutuu biyyaa keessatti
Oromootaafi mormitootarratti raawwatamaa ture. Guyyaa jalabultiifi gaafa filannoon
adeemsifametti garuu, waan faallattu mul’achuu eegale. diraamaa Woyyaaneen
maqaa filannootii hojjatte tokko akka fakkeenyatti kaasuu fedha: naannoon sun
Godinaan Boorana jedhama; uummanni garuu Gujii Lixaati. Magaalaan Bulee Horaa
jedhama.
Akka
ragaan qabataamaan keessa beektotarraa argame mul’isutti, msagaalaa Bulee Horaa
kana keessaa Buufata filannoo saddeetti ture; achi keessaatti, qaamoleen mootummaa
osoo filanoon hin gayin duratti, buufata
filannoo hundumaratti sagalee kuma tokko tokko (1,000x8=8,000) qopheessan. Sagalee
uummanni kenne soogidda bishaan ergan taa’e, sagaleen qophoofte kunneen
laakka’amte. Bifuma wal-fakkaatuun, Aanaa Bulee horaa keessatti kan argaman
gadoota baadiyyaa 38 keessatti, bifuma wal-fakkaatuun sagaleen kumni tokko
tokko (1,000x38=38,000) hiramee filannootti seename. Gandoota Filannoo sadi
keessatti uummanni opdo dura dhaabbachuun sagalee sirriin keennatanii, booda
immoo jalaa baleessan malee, gandoota 35 keessatti hannii opdo gufuun tokko
osoo isaan hin mudatiin hojiirra oole.
Gandoota aanaa Bulee Horaa 38 keessaa, ganda
Dibbisaa Oggoo jedhamurratti uummanni ija jabaatee opdo dura dhaabbachuudhaan
sagalee isaanii eegatane keessatti, namoonni opdo file, namoota 73 qofa ture.
ganda biraa aanaa Bulee Horaa jalatti, uummanni gandoota Toomaa Meexxii fi
Maaxee Boosoo keessatti opdo dura dhaabachuudhaan sagalee isaanii to’annoon
eegatanii,ganda Meexxii Toomaa keessatti
opdo’n sagalee 37 qofa argatte. Ganda Dibbisaa Oggoo keessatti immoo, opdo-woyyaaneen
sagalee 73 qofaa argatte. Ganda Maaxee Boosoo irratti sagalee 110 qofa aragatte
opdo’n. Aanuma Bulee Horaa jalatti kan
argamu, ganda Cabbii Magaadaa keessatti, sagalee kuma tokkoo kan opdo
qopheeffatteen alatti, paartiin Madirek-kongireensiin Federaalawa Oromoo
sagalee 321 caalmaa argamsiisee waan tureef, qodaalli opdo filannoo
hachisiisuuf gubbaarraa dhufe, opdo ganda san bulchaniin, “isin hiina, sagalee madirekii
kana dabalaa milikita itti godhaatii hojiin alaa taasisaa...” jechuudhaan ajaja
itti kenne.
Kaadiroonni opdo gandaas ajaja fudhachuudhaan
sagalee KFO-madireke aragate 873 dabalanii milikita itti godhuudhaan hojii ala
godhan. Saamicha sagalee, uummataatiin alattille, aanuma kana, ganda Roophii
Magaadaa keessatti, kaabiineen mootummaa tokko dargaggeessa tokko rasaasa
shuggixiitiin dhahee madeesse. Haalli, yunivarsiitoota Itoophiyaa keessattis
raawwatamelle, kanuma fakkaata; yunivarsiitii Bulee Horaatiifi Jigjigaa
keessatti barattoonni Oromoo filannoo fakkeessii san dura dhaabachuu yaalanii
turan, garuu dumarratti barattootumatti miidhame. Fakkeenni kun, guutuu biyya Itoophiyaa bakka
bu’uu dande’a. Osoo filannoon hin jalqabinuu, woyyaaneen gandoota hunda
keessatti dhibeentaa 85 (%85) oliin, hannaanis ta’e moo, waliin dhahuun akka injifachuun
irra jiraatu, durattu akka karoorfatanii turan keessa beektonni baasanii
saaxilan.
Guyyaa
filannoolle sanu agarre. Anille, bara 2010tti yeroo gaazexeessaa ta’ee gabaasa
dhibee natti uumee gabaasuuf dirree filannootti bobba’elle kanuma arge. Finalloon
bara 2015 kunille, akkasuma ta’e. kan nama gaddisuu garuu, filannoo hatuu qofa
osoo hin taane, hidhaafi ajjeechaan filannoon dura turelle, mootummaan erga filannoo saamee injifachuusaa
labsateen duuba, iddoo baay’etti deeggartoota,
miseesotaa, taajjabdootaafi dorgomtootaa paartii Kongireensii Federaalawa
Oromoo-Madirek adamsuudhaan doorsisuu irra darbee, hidhuufi ajjeesutti jira. Abbootii
qabeenyaa paartiile mormituu deeggaraa turan addamsuudhaan achi buuteen isaanii
dhabamaa jira.
Akka
fakkenyaatti, loltoonni mootummaa gaafaa 6.6.2015 godina Shawaa Lixaa naannoo
Incinniitti, dargagoo Baatiruu Sorraa yoo ajjeessan, dargaggoo hedduu ammoo
ukkaamsuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira. Uummanni ammoo, “namni nuuti
filannee nu haa bulchuu; dargagoon keenna nuuf haa deebi’anii...” jechuudhaa iddoo
garaa garaatti dheekmasiifi mufiin uummataa akka dabale himameera. Wallagaa
Bahaatti namni Magaalaa Naqqamteetti paartii Kongireensii Federaalistii Oromoo
bakka bu’uun dorgomee ture, Obboo Taarikuu Dassalenyi Dabaalaa, doorsiniifi mana
kireeffatee keessa jiraatu keessaa, mootummaan namoota isaaf mana kireessaniif
doorsisuun hanga dhiibame baafamuuttifi
hedduu doorsifamaan sodaachaa akka jiru, yaada inni gaafa 7.6.2015 Oromiyaa
Miidiyaa Neetiworkiif kennerraa hubachuun danda’ameera. Achuma godina Wallaga
Bahaa keessatti, magaalaa Siree keessatti paartii Kongireensii Federaalistii
Oromoo bakka bu’ee kan dorgome, barsiisaa
Qanaasaa Ragaasaa manaa isaa irratti diiguudhaan baqatee iddoo biraa akka jiru,
bakka bu’aan paartii Kongireensii Federaalistii Oromoo Wallagaa bahaafi
dorgomaan Magaalaa Naqqamtee Obboo Taarikuu
Dassalenyi Dabaalaa dubbateera.
Keessumattuu,
erga dubbii maaster pilaanii kaatee Oromoon ka’uun qeeramsaa woyyaane’ee eegee
qabee gadi dhiisee asi, woyyaaneen Oromoo kan durii caalaa rifattee woreerte. Amma
duuba, woyyaaneen namootaa isaan rifaachiiseefi itti aarte hundumaa tokko tokkoon guurtee dhabamsiisuuf
deemti. Keessummattuu namoonni isaan quba itti qabanii turan, amma tokko tokkoon
adamsan. Oromoon isaan mormeen alaayyuu, warruma dantaa wayyaanee keessatti
hojjatu opdo Abbay Tsahaayyeen itti
dhaadatelle dhumni isaanii amma waan ta’eef waliin Oromoo waliin qabsoof ka’uu
qaban. Nama
dammaqe jalaa fuudhanii fuudhanee qalan waan ta’eef, Oromoon dammaqe dalla
woyyaaneen itti ijaartee keessaa fuutee ayyaana ayyaanaan qalattu keessaa bahuu
qaba. Woyyaaneen balleessaa isiin
balleessitee hamaa ta’uu waan beektuuf, akkasuma qabeenyaa ijaaratte saniifille
akka sareen dhalte ilmaan isheerratti nama nyaattuufi, akkasuma aangoon isi’ii
haarkaa baanaan wabii waan hin qabneef, woyaaneen gonkumaa (Abadan, ijjimaa) aangoo qawwee
malee gadi hin dhiistu; dimookiraasiifi wal-qixxummaatti hin amantuu.
Kanaafuu,
yaada qofaan afaanfaajja’uun tunkinee gara
itti goran wallaalanii taa’uu hin haada ofiin rarraasan lubbutti of dhahuudha. Wareegama
bilaashaa kafaaluufi taa’anii qalamuun
hin ta’u. Uummannille ka’uu qaba, dudduubeen uummatalle of sirreessee ka’uu
qabu. Uummanni baay’innaan miliyoona 45, uummata miliyoona 6 tiin akkamiin
gagroomaa? Kun akka addunyaattuu qaanii guddaadha. Uummataa Itoophiyaa sabaafi
sab-lammootaa 80 olii keessaa nuuti wal’akkaan
ol yoo jennu, akkuma keessi Oromoo boonu, uummanni baay’inaan miliyoonaa 45,
akkamiin miliyoona jahaan gabroomaa,
jechuun ormi yoo gaaffii gaafatu, keessi Oromoo xiiqeffatee aaruu qaba.
Tokko ergee namarraa
eeguu hin qabu. Namni hundinuu kallattii adda addaatiin qabsoof lafaa ka’uu
qaba. Teenyee nama eeguu hin qabnu. Mirga keenyalle namarraa eeguun nurra hin
jiraatu. Lafa qonnaa roobaa gannaa
keessa, dura abbaa maasitu (fichaattuu) maxarisee bahee qotatee, birraa yeroo aduu
taa’ee asheeta nyaata. Garuu gaafuma qonna gannaa, yoo abbaan qotee bulaa cimaa
ta’eefi namoota wajjiin walitti dhufeennaafi jaalala gaarii horate, ormille
daboo ykn goottalee itti bobba’uun ni gargaara. Abbaan maasii (fichaa) garuu,
yoo mana taa’ee afaan qofaan daboo yoo gaafate, eenyutti itti dhufaa? Qotee
bulaa masiluufa (baaldhabaa)fi dadhabaa eenyutti jaalataa?
Mirga keenna faranjiifi
dhaabbilee mirga namuummaa biyyota faranjii irraa eeguu hin qabnu. Faranjiin
dantaa mootummaa isii eegachuuf jecha, biyyuma ofii isaaniitii bulchaa
jiraaniifu yeroo tokkoofi tokko ifa miti. Gaafa waxabajjii 6,2015 gabaasaa oduu Oromiyaa Miidiyaa Neetworkiif
hojjachuuf osoo odeeffannoo miidiyaalee keessa abuuraa jiruu, oduu ana
ajaa’ibsiise tokko gaazeexaa beekamaa biyya Ingilizii ‘the Telegraph’ jedhamu
toora interneetiirratti argee; afaan Ingilizii irraa gara afaan Oromootti
hiikee hojjadhe. Odeeffannoon achirra ture: “haleelaallaa shororkeessitoonni
fulbaana 2011, Ameerikaa irraatti raawwatan, biyyi Saa’ud Arabiyaa
maallaqaan deeggaruun harka keessaa qabdi; dhimma kanarratti, bulchiinsi
Buushiifi Obaamaalle qorannoo walitti fufaa gaggeessaniin gabaasa waraqaa
qorannoo iccittii fuula 28 harkaa qaban.
Haa ta’uu malee, dantaa mootummoota Ameerikaafi Saa’uud Arabiyaa eguuf jecha iccitii kana uummata
Ameerikaatiif ifa osoo hin godhin dhoksanii irra taa’anii waan jiraniif,
gaabaasni qorannoo kun uummata Ameerikaatiif akka ifa taasifamuuf dhiibbaan
bulchiinsaa Buushii irratti dhihaataa jira…” jedha. http://www.telegraph.co.uk/news/worldnews/september-11-attacks/11653706/US-report-claiming-Saudi-Arabia-financed-911-attack-redacted-by-Bush.html liinkii yookiin hidhata kanarraa ka’uudhaan oduun Oromiyaa Miidiyaa Neetworkiif hojjadhe kan
armaan gadiiti:
Haleelaallaa
shororkeessitoonni fulbaana 2011, Ameerikaa
irraatti raawwatan Saa’ud Arabiyaan
harka keessaa qabdi jedhame. Haleellaa
raawwatame san Saa’ud Arabiyaan maallaqaan
deeggaruu ishii gabaasa waraqaa qorannoo icciittii bulchiinsii Obaamaa ifaa
akka godhuuf dhiibbaan itti dhihaachaa akka jiru himame.
Ji’a
Fulbaanaa bara 2011 akka laakkosfa faranjootaatti,
haleellaa shororkeessitoonni ganama Kibxataa gamoowwaan wiirtuu daldala Addunyaafi Ameerikaarratti
raawwaataniin qabeenyi guddaan maallaqaa doolarri biliyoona kudhanii
barbadaa’ee, lubbuun namoota 2,996 galafatameera.
Haleellaa
garee shorkeessitootaa Alqaa’idaa Osaamaa Billaadiniitiin qindeeffamee
raawwatame jedhame sanirratti, shorkeessitoonni xiyyaarota (rophiloota) imalaa
hedduu danqanii butanii gamoon (fooqiin)
walitti buusuun guggubuun xiyyaarota akka meeshaa waraanaatti itti gargaaraman.
Xiyyaaronni butamanii gamoo ykn fooqiin walitti busuun akka boombiitti namaafi
qabeenya itti gubuun fixan sunille, Xiyyaarota[1]
Ameerikaati. Haleellaa shororkeessitootaa raawwatame saniif hoogganaan
Alqaa’idaa yeroo sanii Osaamaa Billaadiin itti gaafatamummaa fudhaachuun akka
labsee turelle ni yaadatama.
Gaazeexaan
beekaamaan biyya Ingilizii ‘the
telegraph’ jedhamu maxxansaa isaa
kaleessaatiin, shororkeessitoonni xiyyaarota Ameerikaa danqanii butuudhaan akka
boombiitti itti gargaaramanii namoota kumaatamootaafi qabeenna biliyoonota
galaafatan 19, biyya Saa’uud Arabiyaa
irraa akka dhufanii turan gabaaseera.
Ameerikaanille
bara 2012 irraa eegaltee qorannoo
iccittii taasisaa turte kan fuula 28 qabu akka of harkaa qabduufi, ifa akka hin taasisin gabaasni kun himeera. Saa’ud
Arabiyaan haleellaa Shororkeessitoota san keessaa akka harka qabduufi, bulchiinsii Buushiifi Obaamaa
ille dantaa walitti dhufeenna mootummoota Saa’ud Arabiyaafi Ameerikaa qofa
eeguuf jecha iccittii kana dhoksaa akka
turan gareen haleellaa shorkeessitootaa kanaan miidhaan irra gahe hedduun amantii
qaban jechuun ‘the telegraph’ addeesseera.
Akka
gabaasaa ‘the telegraph’ kanaatti, haleelaallaa shororkeessitoonni fulbaana 2011, Ameerikaa irraatti
raawwatan Saa’ud Arabiyaan Haleellaa kana maallaqaan deegaruun akka harka keessaa
qabduufi gabaasa waraqaa qorannoo icciittii fuula 28 qabu, bulchiinsii Obaamaa ifaa
akka godhuuf dhiibbaan itti dhihaachaa akka jiru gazeexaan kun gabaaseera.
Maatii
haleellaa shorkeessitoota Fulbaana
2011 miidhaan irra gaheef gorsaa kan ta’aniifi,
akkasuma dura bu’aa dhaabaa Gamtaa Haqaafi
Farra Shorkeessummaa jedhamu, Terry Stranda akka jedhanitti, “Saa’uud Arabiyaan
haleellaa shorkeessummaa Ameerikaarratti raawwatame kana maallaqaan gargaaruu
isiiti miti kan nama dinqisiisu” jedhan. Akka yaada Terry Stranda tti, kan isaan ajaa’ibsiisee, “deeggarsa
maallaqaa Saa’uud Arabiyaan Shorokeessitoota Ameerikaa haleelaaniif goote adoo
hin ta’in, maallaqni hidda dhiigaa shororkeessitooti” jedhan. Osoo maallaqa
guddaan deeggaramuu dhabaatanee, shorkeessitoonni haleellaa Fulbaana 2011
ykn 9/11 jedhamu kana Ameerikaarratti
danda’anii hin raawwatan turan” jedhaneeran.
Yaa Oromoo, ani duraan
ilaalcha dogongoraa qaba ture; amma garuu of sirreesseera. Yaadni dogongoraa
ani duraan qabu ture sunille: akkuma
gaafaa nuuti ijoollummatti namni humnaan
nu caalu yoo nu miidhe dhufnee abbaa, haadhaa, bobboleessaafi obboleettii
angafatti himannutti, waan woyyaaneen
uummata Oromoo goote, yoo faranjitti himanne, faranjiin waan woyyaanee adabdu natti
fakkaata ture. Akkasuma, dhaabbonni mirgoota ilmaan namaatiif dhaabbataniifi,
miidiyaan biyya alaa yeroo rakkina Oromoo dabarsanu, faranjiin ganamasaa Woyyaaneerratti
waan tarkaanfii fudhattu natti fakkaaka
ture. Garuu akkasii moti.
Faranjiin namni dantaa
isii eegeefii jennaan, sirumaayyuu dantaa isii saniif jecha irree nama sanii ni
cimsiti. Garuu nuuti, cimnee of ijaarree osoo nama isiin qabatte san raasne,
faranjiin dantaa isii eegsiisuuf jecha gara keenya deebi’uudhaan, “maal isinii
goonaa? Maal isin gargaaraa?” jechuudhaan kan haala nuuf mijeessuu isheedha.
Nama laafaa ormaa dhiisaatii haati deettee (deesse) iyyuu hin jaalattu. Iddoo
baay’etti, yaada yeroo hedduu Dr. Mararaa Guddinaa jedhan sammuu koo keessa
deddeema: “Faranjiifi waaqni nama jajjabaa ofiisaa gargaare qofa gargaaran…”
kan jedhuudha. “yoo abbaan hin iyyatin ormi namaaf hin birmatu” jedha Oromoon.
Yaa Oromoo dhaga’i, fiixinsaa
sanyii Oromoorratti qiyyaate kan Abisiniyaanotaa (Habashootaa), Minilikiin
duraafi duubaalle dandamanne; kan Woyyaane hardhaa immoo san caalaa beeka! kan
Woyyaanee hardhaa, akka vaayirasii eedsii (HIV-AIDS) dhaabbitti nu fixaa jiraa
beeka. Woyyaaneen, bifa ammayyawaatiin nu fixaa jirti. Nama ijaan arginu nurraa
ijeessanee hin dhiisne, habashoonni eenyummaafi afaan keenya nurraa ajjeessaa
jira. Gaafa Awuroppaanonni, keessumattu abuurtichi lammii Xaaliyaanii
Kiristoofer Kolomboos (Christopher Columbus)
jaarraa shan dura biyya Ameerikaa dhaqee argee koloneeffattoota Awuroppaa itti
hin yaaminiin dura, lammiin durii dulloo lafa biyya Ameerikaa hardhaa irra jiraachaa
turan, Hindoota Diimaa (Red Indians) jedhaman miliyootaan jiraataa turan, amma akka bosana ciramee badee, baduun
dhabamuutti jiran.
Hindoota Diimaa (Red
Indians) kunneen biyya isaairraa dhabamsiifamaneran yoo jennu,baduun ajjeefamanii baduu qofa osoo hin taane,
eenyummaa, afaan, aadaa, amanta, lafaa…isaanii dhabuu of keessaa qaba. Mee nama
Oromoo kan, “Ani Finfinneetti dhaladhe waan ta’eef Afaan Oromoo hin beeku...”
jedhu yaadadha. Osoo Oromoon nama san qofa ta’ee jiraatee, Oromoon lafarraa
bade jechuudha; akkuma Hindoota Diimaa Ameerikaa durii dulloo kana. Jaarraa tokkoo
oliif wanti habashoonni nurratti raawwataa jiranille kanuma. Diinummaa kana kan
nutti fidee, tokkooffaa lafaafi qabeenna keenna. Yoo seeraan hin qabatin,
qabeenni keeti diina sitti bita.
Hanga gadaan keenya
qawwee Awuroppaatiin cabee asitti, baay’inni keenna diina nuuf bite malee takka
nu hin fayyadne. Ormi baay’ina keenna kana akka sa’a boroochuu leencaa dhaga’ee
dhaabbitti fincaan keessaa yaa’utti, habashoonni baay’ina Oromoo kana akkasitti
ilaalanii nu fixaa turan; hardhalle ittuma jiran. Yoo nuu hin jabaanne ta’e,
borulle ittuma fufan. Tigireen dhufaatiin
isii duraan qabeennuma saamtee, “hanga waggaa 30 tti yoo saamne nu gahaati,
sana booda of dandeennaa, dhagaan keennalle warshatti jijjiirama…” ilaalcha
jedhan san amma hanga hamma keenya
arganii jijjiiranii, eenyummaa keenna lafarraa balleessuun, higa bara baraatti
nu bituuf akka karoorfatan, karoora maaster pilaanii isaan Oromiyaa iddoo adda
addaatti ciciruuf baasaaniifi indaastiriifi kampaanota daldalaa isaan duraan
Maqaleefi Tigraay qofa keessatti ijaaraa turanii, amma ammoo gara jidduu gala
biyyaa keessaatti babal’ifachaa jiranirraa hubachuun ni danda’ama.
Gama biraatiin, filannoo
woyyaaneen fakkeessite dhiheessitu kun dhugaa nutti fakkaatee, yoo uummanni girrisee
ka’u, “dhugaa isinitti hin fakkaatin.
Nuuti aangoo kana dhiigaan fidne waan ta’eef, dhiiga malee hin kenninu. Yoo
dhiira taatan akka nuuti lollee dhiigaan
arganne lolaa dhiigaan argadha...” jedhaa jiran. Maaliif jennaan, woyyaaneen
nu’uun walii walii keenna walirratti ijaartee jirti. Loltuulle taanaan, kan miilaan
lole fanjirraa ijjatee kaasee du’uufi, kan Tigireef jecha qoma yookiin laphee
isaa rasaasaaf kennu irra jireessi loltuun Oromoodha. Yoo itti malachuu dabaanne, kan du’ulle
Oromoo ta’a, kan ajjeesulle Oromoo ta’a…
Ana kan na gaddisiisu, waan isaan jedhaa jiran
dhaga’anii, Oromoonni karaa opdo tiin Tigiree wajjiin hiriree, dhaaduma
Woyyaaneen dhaadattu san uummata Oromootti gara galanii dhaadatan. Waan nama
gaddisiisa garuu, Woyyaaneen dhaaba opdo
kan mataa ofiitiifuu uumte ni sodaatti; opdo sodaatti osoo hin taane, maquma
Oromoo jedhu san, duuba opdo tti sodaatti. Woyyaaneen, opdo daandii isaanitti
muldhisee saamsisu malee, opdo mirga Oromootiif dubbatuufi, opdo aantummaa
Oromoo qabu hin fedhanu. Woyyaaneen, opdo akkuma farda gaariitti itti
fayyadamtee, gaafaa inni humna fixate of keessaa baastee darbiti. Yaa Opdo,
iddoo olaanurra iddoo bulanutti caala, akkuma general Taaddasaa Birruu galgala
keessan miidhakfadha.
Yaa Oromoo warri opdo
taatan, Juuneeddii Saaddoo ammaa irraa baradha; seena Goobana Daacee yaadadha,
akka inni itti du’e ammoo qoradha… Yaa opdo, woyyaaneen fixeensa qofaan si
buufatti; akka kondomiitti dhibeen Oromoo akka isaan hin ajjeesneef isinitti
gargaaramtee, booddee boolla kositti isin darbiti. Faayidaa isaan yeroof isinitti
darbatan sani hin ilaalila. Asi irratti, waa yaadadhe. Duri haati tiyya yeroo
harkuu elmattu beeka. Harkuu jechuun saanni dhalee yoo waatiin jalaa duute,
haati sa’aa hanga saanni deebi’e korma argate dhalutti, aanaan hin dhabu
jechuudhaan, waatii san qaltee foon keessaa baastee gogaa san marga goggogaa
itti naquudhaan waatii fakkeessitee sa’a dura keetti.
Gogaan jabbii haraan
yookiin margi itti seekkame naqame sun tolee jedhama. Saanni harkuu elmamu sun,
akka tolee waatii fakkaatuu san hin shakkineef, tolee san boolee (amoolee),
ashaboo ykn soogidaa irratti firfirsan. Toleen jabbii sun, tokkeessoo waatii
fakkaatti. Lammeessoo, saanni amoolee tolee waatii fakkaattu iirraa arraabaa jira. Sadeessoo,
haati sa’aa aannan elmachaa jirti. Garuu haqiifi dhugaan jirtu, saannille
yeroodhaafi waan arraabu saniin gowwoomeera; toleen sun dhala taateef sanyii
sa’aaf hin dabarsituuf. Bifuma walfakkaatuu, yaa opdo, woyyaaneen karaa
keessaniin faayidaan isiin Oromoof buustu tokko natti hin mul’atu. Faayidaa adda addaa kan yeroo
qofa isiniin dura qabuun, isinuma mataa keessanu nama cimina qabu, akka horii
tokko tokkoon isin qalti; gaafa isin sodaatteefi gaafa sin shakkitu. Namoonni
hedduun ammoo, faayidaa yeroo san jibbeeti miti, kan woyyaanee irraa baqatee
falmuun; hidhamuun, ajjeefaamuufi kan biyyaa baqataniif; jarri kun hegeree
boruu tan Oromootiif farra waan ta’aniif, hardha irra dhaabachuun balaa boru
sabarratti raawwatamaa jiruufi aggaamamee jiru waan arganiif.
Yaa opdo, gaarii mana
ormaarraa godoo (gosee) mana ofii wayya. Tolaa nama ormaarraa hamaa nama ofii
wayya. Bareedduu haadha ormaarraa fokkiftuu haadha ofii wayya. Yaa Oromoo, kana
booda kan nu baasu, Oromoon kamiiyyuu
wal-balaaleffatuu osoo hin taane, wal-gorfachuun wal-jajjabeeffatee, kan
dogongorelle tiirsinee badii amma duraa
caalaa hin balleessineef, gorsinee ofitti qabachuun humna waliif ta’uu qabna.
Nuutinu yoo teenyee wal-madeessinu taane, ormi ammoo naqarsa ta’e, madaa keenna
keessa bu’ee dhukkuba nutti ta’uun yoo inni nu ajjeesu hin argannu. Kana booda, maqaa Oromummaafi dantaa Oromiyaa
qofaan waliin ka’utti nurra jiraata.
Filannoo soballe
argine, nama afaan qawweetiin namatti haasawu, afaan qubaatiin itti haasawanii
hin danda’anu. Yaa Oromoo, mana barumsa qawwee galuun barbaachisaadha. Namni
mana barumsa qawwee galee, afaan qawweetiin nu doorsisuufi nu gurguratti jiru, kan nurraa dhaabatu yoo
nuuti ilmaan keenna mana barumsa qawwee galfanne qofaadha. Kan iyyannoofi xalayaan keenna nurraa fudhatamee
dubbifamuun rakkinni keenna furmaata hataattamaa argatu, afaan hojii saniin xalayaa yoo
barreessine qofaadha. San malee, yeroo gubuufi qabeenya qisaasuu ta’a;
akkasuma, “ana nyaataa cal’isi…” mammaaksa gowwaa mammaakuun osoo arginuu
dhaabbitti nyaatamuudha.
Afaan hojii Woyyaanee,
afaan qawweeti. Kanaafu dhimmi keenna akka nuuf raawwatamu yoo barbaanne,
dirqama afaan qawwee barree, afaan qawweetiin itti haasawuufi xalayaa itti
barreessuu qabna. Nama afaan qawwee malee, afaan Abbaa Gadaa hin beekne, afaan
Oromootiin itti haasawuun hin taatu, afaan qawwee male. Faranjiille ‘simaabaloo’f woyyaaneetti ergannaalle,
woyyaaneen afaan qawwee malee afaan
‘simaabaloo’ faranjiille hin beeknu jette. Kanaafuu, xabaqaa afaan qawwee
beekulle, itti bituudhaan guddaafi xiqqaan keennalle jalaafi irraan afaan
qawwee barsiisuudhaan dhimmi keenna hataattamaan akka nuuf raawwatamuuf afaan
qawweetiin, namoota afaan qawweetiin hojii hojjatutti wacuu qabna; sani malee
wayyaaneen afaan Oromoo hin beektu hin dhageettulle, dhage’uufille ta’ee
barachuuf fedha hin qabdu…
No comments:
Post a Comment