Tuesday, February 14, 2017

Ibidda rafe huubni to'achuu kajeele/ የተኛው እሳት ገለባ ልቆጣጠር ፈለገ

Qe’ee addurreen hin jirre, hantuunni xarapheezzaa yaabdee sirbiti/ ድመት ያልዋለበት ቤት አይጥ ወንበር ላይ ወጥቶ ይጨፍራል

የከሰረና ፖሊትካ ጃማሪ በኦሮሞ  ለምን ‘practice’ ይወጣል? ዶ/ር ፍስሃ እሼቱም ሁለተኛ ዶ/ር ሃይሌ ላሬቦ ሆነው ብቅ ብሏል…“አዲስ አበባ የአማራ እንጂ የኦሮሞ አይደለም” ዶ/ር ፍስሃ እሸቱ። ድመት ያልዋለበት ቤት አይጥ ወንበር ላይ ወጥቶ ይጨፍራል ይላል የስዊድን ተረት!


Kan kasaareefi jalqabaan siyaasaa Oromoorratti shaakalaa? Dr. Fissaha Isheetuu namni jedhamu akkuma Dr. Haayilee Laareeboo tuffii Oromoof qabu dubbateera. Keessattuu, “Finfinneen Kan Amaaraati malee kan Oromootii miti” jedheera. Ibidda rafe huubni to’achuu kajeele dhiiro. Qe’ee addurreen hin jirre, hantuunni xarapheezzaa yaabdee sirbiti jedha mammaaksi warra Sweden….  

Friday, February 10, 2017

My Freedom Letter book:kitaaba Kiyyaa Xalayaa Bilisummaa: “የነጻነት ደብዳቤ” የምለው መጽሃፌ


This is my book “Freedom Letter” on internet, which was published in 2015. It was written in three languages: Afaan Oromoo, Amharic, and English. I couldn’t publish it in mass, as well as distribute to Ethiopia and many different countries, but many people are asking me about it. On the other hand, many issues that I raised in my book last time are becoming to Ethiopian current issues. Therefore, I have uploaded the “Freedom Letter” on the Internet.  Click this link to find the entire contents of the Freedom Letter Book: 
https://drive.google.com/file/d/0B6IRIm0YNvRMMlU4S1JvUUdOeGM/view

 Kun kitaaba Kiyyaa “Xalayaa Bilisummaa” afaan sadiin: Afaan Oromoo, Afaan Amaaraatiifi Afaan Ingiliziitiin barreessee waggaa lama dura maxxanseedha. Kitaaba kana, namoonni hedduunis waan na gaafachaa jirtaniif, akkasuma dhimmoonni ani keessatti barreesse hedduun yeroo amma haala wayitawaa ammaa ta’aa waan jiraniif PDF dhaan online interneetii irratti gadi dhiiseera. Kitaaba guutuu argachuuf qunnamsiistuu ykn liinkii kana tuqa: https://drive.google.com/file/d/0B6IRIm0YNvRMMlU4S1JvUUdOeGM/view
https://drive.google.com/file/d/0B6IRIm0YNvRMMlU4S1JvUUdOeGM/view

ይህ ከሁለት ዓመት በፊት በሶስት ቋንቋ ማለትም በኦሮምኛ፣ በአማሪኛና በእንግሊዘኛ ያሳተምኩት “የነጻነት ደብዳቤ” የምለው መጽሃፌ ነው። በመጽሃፌ ውስጥ የጠቀስካቸው ብዙ ነገሮች አሁን ወቅታዊ ሁኔታ እየሆኑ ናቸው። ፕ/ር ሃይሌ ላሬቦ በቅርብ ጊዜ ያመጣ አስቂኝ ታሪክና የመሰሎቹ ኋለ ቀር ምኞት እንድሁም በኢትዮጵያ ጥላ ስር የምቆመር ቁማሪ እንዳልቀረና መቅረት እንዳለበት እንስቻለሁኝ። መጽሃፉን ለብዙ ጠያቂዎች ለማድረስ ስላልቻልኩ በፕድኤፍ መልኩ በእንቴርኔት ላይ ለቅቻለሁኝ።
https://drive.google.com/file/d/0B6IRIm0YNvRMMlU4S1JvUUdOeGM/view

Saturday, January 21, 2017

Ethics based military chief Vs ethnics based military chief

                Ethiopia Vs Gambia                      
Ousman Bargier, the Gambia chief of defense said:
“No fighting will take place. People maybe think this is a crisis, but it is not a crisis. This is a political misunderstanding. Political misunderstanding is going be solved through politically, not militarily. No war! We are not foolish. I love my soldiers and the Gambian people…”

This is ethics based military leader not ethnic based military leader like Ethiopia’s military possesses to one ethnic group-Tigre ‘Tigrai People Liberation Front-TPLF’. Ethiopia has 80 Ethnic groups. TPLF-the minority Ethnic Group held all political positions and economical activities. I always compare a country with a country. If we take the case of situation which is going in Gambia and compare with Ethiopia current situation, we can easily guess many things.


If Ousman Bargier were Ethiopian chief of defense, he was from Tigre Ethnic group and he has no mind to say to not kill a civilians or his primary duty is not defend a people (county), rather his primary duty is to defend bloody handed authorities.  However, Ousman Bargier is taking a side of people, not a side of wrong leader. When Ethiopia will have such a military chief?  

Ethics based military chief Vs ethnics based military chief: 

                           Gambia Vs Ethiopia 

  

Friday, January 20, 2017

What we learn from the West?/Worraa Lixaa irraa maal baranna?

While the West transfers authority safely and peacefully, African dictators want to own the authority and even a country as their own inherit properties and they create bloodshed conflict. Compare what is going in Gambia with America. Yahya Jammeh refused to leave the power even after he admitted as Gambian people voted for new elected president- Adama Barrow.

Jammeh also declared State of Emergence which he took experience from Ethiopia…But in America, Obama is transferring the power to Trump. On the other hand, when Italian Prime Minister wanted to modify a country’s law a few months ago, the people of Italia rejected and then, Matteo Renzi, the PM of Italia decided to resign from power. Unlike wisely, when the people of Ethiopia opposed the ‘Ethiopian’ government, then the ‘Ethiopian’ PM, Haile Mariam Dasalegn ordered war against civilians. In Ethiopia, citizens are being killed by state’s soldiers under State of Emergence. F**k the dictators!  

Worraa Lixaa irraa maal baranna?

Yeroo bulchitoonni lixaa aangoo karaa nagaatiifi nagaan woliif dabarsanu, abbootiin irree Afrikaa ammoo biyyalle akka qabeenna abbaa isaanii irraa dhaalanetti horachuu fedhan. Sababa jaalala angoo irraa kan ka’een walitti bu’iinsaa dhiiga lammiilee dhangalaasu uumuu fedhan. Mee waan yeroo ammaa kana biyya Gambiyaa, Afrikaa keessattiifi biyya Ameerikaatti taasifamaa jiruufi waan Ameerikaa keessatti taasifamaa jiru waliin madaala. Obama’n angoo Trump’f dabarsee kennaa jira. Gama biraatiin faallaasaa ammoo Gambiyaa keessatti Yahya Jammeh’n erga filannoon mohamee, mohamuu isaalle amaanee deebi’ee gaabbee argoorraa hin bu’u jedhee waan Itoophiyaa irraa dhagahe labsii yeroo hataattamaa labsate.

Gama biraatiin yeroo Muummichi Ministeera Xaaliyaanii Matteo Renzi’n heera biyya Xaaliyaanii fooyyessuuf yaada dhiheessee riferendemee raawwachisiise, uumanni Xaaliyaanii yaada isaa harkatti didnaan, Muummich Ministeera aangoo gadi dhiisuuf murteeffate. Kan Itoophiyaa ammoo, yeroo uummaanni Itoophiyaa gochaa mootummaafi Mootummaa Woyyaanee balaaleffatanu, Muummichi Ministeera Itoophiyaa, Haayilemaariyaam Dassalenyi ammoo  Labsii Yeroo hataattamaa jalatti loltoota uummatatti bobbaasee uummata ficcisiisaa jira. Duuti abbootii Irreetiif!


    

Monday, January 2, 2017

Namni waliin diinaatti duulla jedhu walirratti duulaa diinarratti duuluu hin dande’u

Walnyaataa dinaa nyaachuun walnyaachisuudha!
Wanti biyya Egypt magaalaa Kaayirotti ta’aa tureefi jiru, akkasumalle wanti miidiyaa hawaasaa irraan Oromoonni diyaaspooraa oofaa jiran kun waan hedduu nama gaddisiisaati. Yoo akkanaan itti fufne, dogongora seenaa guddaa waraanni Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Addi Bilisummaa Oromoo wal-lolaa, dargiifi Somaaleenis lolaa, Woyyaaneenis lolaa saffisuu dadhabanii dhiibbaa qabsoo bilisummaa Oromoo rincicciisetti deebi’uuf deemna.

Dogongora seeneerraa maaliif hin barannee? Safuu Oromoo maaliif dagannaa? Xiqqaan maaliif guddaa hin kabajne? Guddaan maaliif xiqqaa hin kabajnee? Jaarsi maaliif jaarsummaan irraa godaanee? Daa’imni barcumaa jaarsaarra taa’ee maaliif jaarsa jalaa ka’uu dide? Oromoon jaarsa maaliif dhabee? Maaliif beekaafi wallaalaan walmakee, hayyuufi gowwaa adda baafachuu wallaallee? Maaliif kabajjaan angafaafi quxusummaa/maandhummaa Oromoo jidduu bade? Woyyaaneen qawween lolti nuuti qawwee dhiisnee maaliif interneetiifi face book lollaa? Hoggansi dhaaba siyaasaa biyya faranjii taa’ee  riimootiidhaan qabsoo gaggeessuu waan hin dandeenneef maaliif biyya farajjii taa’ee qabsoo gaggeessa jedhaa…?
Yaadaa falaa:
1.    Rakkoo dhaabilee Oromoofi hawaasa Oromoo jiduuti muldhatu qaamni walabaa-jaarsoliin Oromoo, abbootiin gadaatiifi abbootiin amantaa furuu qaban. Rakkoon dhaabbilee siyaasaa Oromoo jiddutti dhalatte hawaasaalee Oromoo biyyoota alaa jiran keessa seentee jirti. Rakkoo kana kan furuu danda’u maangudoota Oromooti yoo ani yeroo hedduu jedhu, namoonni tokkoofi tokko, “Oromoon maanguddoo hin qabu, maanguddoon Oromoo maangudummaa qaban hedduun hin jirtu…” yoo jedhan dhaga’a. Yoo dhugumaan maanguddoo yookiin jaarsaa biyyaa of keessaa dhabne jiraanne badneerra dafnee of to’achuu qabna. Maanguddoon Oromoolle badii seenaa kana jalaa of baasa. Oromoolle manguddoo keessan maanguddoomsaa, jaarsa keessan jaarsomsa. Hayyuu keessan hayyoomsa…   
2.   Namoonni biyya alaa jiran siyaasaa biyya alaatti hoogganuu dhiisuu: namoonni biyya alaa jiran qabsoo bilisummaa Oromoo deeggarsaa maallaaqaatiifi dippoloomaasii hojjachuun hojii siyaasaa worra biyya keessaa hojjatu ykn worra bosona Oromiyaa keessaa lolanuuf dhiisu. Woraana biyya alaatti osoo hin taane, Oromiyaa keessatti ijaaruu…
3. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kaayyoo tokko irratti waliigaluu- yoo xiqqaate bilisummaa uummata Oromoo irratti walii galuu, (bitaanis yaabanii mirgaanis yaabanii walgayiin kooruma) jechuun yaadaa wolitti dhihaataa irratti wolii galuu. Yoo danda’ame, dhaabileen siyaasa Oromoo hundi tokko ta’u, yoo ta’uu dhabaatelle namuu karaa itti fakkaateen haa itti fufuutii, waldura dhaabachuun mogolee walbuusuun hafuu qaba…” Garuu tooftaan qabsoo gara garaa yoo yaadamelle, dhaabbileen warana adda addatti ijaaruu fedhan miidhaafi bu’aa isaa sirriti itti yaaduun barbaachisaa akka ta’e hubachu. Obboleessi gowwaan loon obboleessaa silmii (balqii) itti dhiisee yoo obboleessi du’e doomaa (sa’a muchi duude) dhaala” dubbii maammaaksaa akka hin taane, dhaabni qabsoo Oromoo hundinuu akka qabsoo Oromootti beekamtiifi kabajaa kennuuf. Tooftaaleefi sagantaa siyaasaa irratti waldhabuufi waldura dhaabachuu dhiisu. Injifannoon gama hundaan argameefi argamuuf deemu, injifannoo uummata Oromoo hundumaa gochuun ilaaluu…
4.  Garaa garummaafi waldhabbii xiqqoo Oromoo jidduu jirtu Woyyaaneen naqarsa taatee, akka madaa naqarsaa keessaa seenuun addaan nu facaastee qabsoo Oromoon finiinsee itti jiru kana fashalchisiisuuf halkaniifi guyyaan akka hojjachaa turteefi jirtu dagachuun walnyaachisuudha. Badii Oromoo irra gaheef sadarkaa duraa irratti Oromoo shakkuu osoo hin taanne, diinaa Oromoo shakkuun barbaachisaadha. Woyyaaneen yeroo yerootti ajandaa nuuf uumtee qabsoo nu dagachisiisuuf yaalii akka gootuufi hedduun namaa ajandaa diinonni Oromoo jiddutti uuman hafarsaa qabsoo Oromoo awwaaressuu dhaabu. Tooftaalee qabsoon taasiseefi taasisaa jiru, akkasuma taasisuuf jiru karaa miidiyaalee gara garaatiin himuu dhiisuu…
5. Siyaasa amantaa irraa fageessuu, akkasuma amantaalle siyaasa biraa fageessuu…
6.   Naannummaa irraa bilisa ta’uun Oromummaa qofaan ijaaramuu…
7.   Xiqqaan guddaa kabajuu, guddaan xiqqaa kabajuu…
8. Akka aadaa Oromootiin hayyuu hayyoomsuu: Namni hayyuu jedhamelle, kabajaa ofii isaatiifi kan nama biraalle eegatee hayyummaa isaa eeggachu. Hayyuu kan hayyoomsu beekaafi wallaalaa; akkasuma hayyuu namni jedhamelle beekaafi wallaalaafile kabajaafi yeroo qabaachuu….
9.   Social media  (miidiyaa hawaasaa) diina Oromoo ittiin abaaruu malee Oromoofi Oromoon ittiin wal-abaaruu dhiisu….
10.Lammiirraa baqachuun orma jala galuu dhiisu: Mammaaksa, “ormi gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa” jedhu yaadachuun hamaafi tolaa ofirrattis duuluu dhiisu…
11.Haafuura biyya alaatti akka qufaa Oromoo killisiisee yaadaan qufaasisaa jiru kana akkuma inni biyya alaatti dhaamu gochuu malee, gara Oromiyaatiifi gara olla Oromiyaatti akka hin galle yeroodhaan talaaluu ykn kittibaatii kennanii fayyisuu…
12.  Miidiyaa guddaa Oromoo kan fedhiifi bilisummaa Oromoo irratti hojjatu ijaaruu, kan jiran jabeessuu; kan biraalle hundeessu. Miidiyaaleen Oroomoo jiran kunnee Oromoo Oromoo akka urgaawan gochuun akka inni kutaalee Oromiyaa Boorana, Gujii, Arsii, Ituufi Humbana, Tuulama, Macca, Walloofi kkf of itti hirmaachisiisuun kutaalee Oromoo hundumaa abbummaan akka itti dhaga’amu gochu…
13.Waraanaa gara garaatti ijaaruufi kaayyoo gara garaa faranjootatti yookiin hawaasa addunyaatti himuu dhiisuu. Kaayyoo Oromoo tokkorratti walii galuun itti cichuu….
14.Yeroo amma dhiigni Oromoo akkuma bara Minilikiitti dhangala’aa jiru kanatti, garaa garummaa xiqqoo dhiisuun dhiiga qeerroofi ilmaan Oromoo galmaan gahuufi akkasuma gumaa baasuun bilisummaa fiduuf bakka tokkotti dhufu…
15.Olala diyaaspooraan Oromoo karaa miidiyaa hawaasaatiin wolirratti oofaa jiran Woyyaaneen biyyatti sagantaa dokumentarii irratti hojjattee uummata Oromootiifi qeerroo Oromoo biyyatti ittiin hamilee cabsuuf halkaniifi guyyaa waan hojjataa jirtuuf, namoonni Oromoo taatanii Oromoo irratti ololtan osoo hin beekin wallaalchaan Woyyaaneef akka miindeffatanii hojjataa jirtan bartanii gocha kanarraa dhaabachuu...

16.Siyaasaa namoota siyaatiif dhiisu. Yeroo hedduu siyaasaa karaa miidiyaa hawaasaatiin oofan irratti kan wal-lolaa jiran irra jireessi namoota siyaasaatii miti. Namoonni of mudhisuuf, akkasuma yaada dhuunfaa isaanii irratti namoottaan walitti bu’uun daboo wal-arrabsuu karaa pal talk tiin walitti banuun beekaman, amma gama face book tti asi gara galanii jiran kunneen gocha kanarraa dhaabachu…     

Sunday, December 18, 2016

ትዝብት አለኝ! በኦሮሞ ህዝብ ስቃይ የሚትስቅ ኢትዮጵያ እንደ ቆሎ እየተቆላች በራሷ ትስቃለች!


በኦሮሞ ህዝብ ስቃይ የሚትስቅ ኢትዮጵያ  እንደ ቆሎ እየተቆላች በራሷ ትስቃለች!

ኦሮሞና ኦሮምያን በመጉዳት ኢትዮጵያን መግዛት የሚፈልጉ ሃይሎች በሙሉ በቦምብ እንደምጫዎቱ ህጻናት ናችሁ። የኢትዮጵያ መሪ ተብየው ፖለትከኞች፣ ኳስ መስሎችሁ ከቦምብ ጋራ የሚትጫዎቱት ወይንም ቦምብን ኳስ አድጋችሁ ከቦምብ ጋራ የሚትጫወቱ ወይላችሁ! ከቦምብ ጋራ ቀልድ የለምና ካፈዱት ይፈንዳል። ከፈነዳም ደግም ቀልድ የለም ያጠፋል።

ኢትዮጵያ ውለታቢስ ሆነች፣ የአባቱን የአሳዳግ የኦሮሞ እጂ ነከሰች። ኢትዮጵያ ውለታቢስ ሆነች፣ የእናቱን የኦሮምያን ጡት ነክሳ አቆሰለች። ኦሮምያ ታማለች፣ የኦሮምያ ህጻናትም ርበዋቸው ጡት ለመጥባት ይጮሃሉ። ኢናታቸው ኦሮምያ ጡቷ አሟት ታቃስታለች።  የኦሮምያ ተረኛው ጠላት  የኦሮምያን ህጻናት ከእናቱ ነጥቆ እጅና እግራቸውን አስሮ ከኦሮምያ ጡት ወተት ይጠባል። የሰወየው ወተትም በእስሳ ስም ለውጭ ሀገርና ለቻይና ይሸጣል።

ሌላ በኦሮምያ ጎሮቤት የምኖር  ሽማግሌ   አንድ አንዴ ኦሮምያን ለመጉዳት ተራ ጠባቂ፣ እንዳንዴም አስታራቂ ሽማግሌ መሳይ፣ አንዳንዴ ደግሞ “ቤቴ በጋራ ጠላታችን ተዘርፈዋልና ተጋግዘን የጋራ ጠላታችን እንመክት” የምል ይመስል፣ አንደ አንደም ሰውየው ጡት ጠብቶ ሲሄድ “እነም በተራዬ የጎሮቤቴን ቱት እጠባለሁ” የምልና የሚዋዥቅ ሃሳብ ያለው ይመስላል። ያም ሆነ ይህ፣ የኦሮምያ የደም ዘመዶች  በሙሉ መበላት ብቻ ሳይሆን የሕሳብ የቅንፊና እንድሁም ከስርና ከላይ የምያስደረግ  ዜመናዊ የማተማትክስ ፎርሙላ ከመጣ  እየተበላ መቶይ ሳይሆን በልቶ፣ የመተረፍም የህሳብ ትምህርት በቅርቡ በጎበዞች መምህራን ይሰጣል! ትልቁ ቁጥር ከትንሹ ቅጥር ስር ስውል የህሳብ ስልቱ ነገቲቭ ይሆናል። ነገቲቭ እዳ ነው፣ ክእዳ ይሰውረን!  

Tuesday, December 6, 2016

Ethiopia government pro website insultes Ana Gomez/Marsariitiin Woyyaanee tokko Ana Gomez arrabse

Ana Gomez photo shopped
Ethiopian government pro website starts insulting European Union MP, Ana Gomez by photo shopping her as dog. Ethiopian government pro website photo shopping her because of she wrote a letter to European Union about detention of Dr. Merara Gudina and human  and political rights abusing in Ethiopia. If she is an Ethiopian citizen, it’s for sure ‘Ethiopia’ government is going to announce that she is a 'terrorist'.


Ana Gomez, member of the European parliament, wrote a letter to European Union, particularly to  High Representative of the Unioin for Foreign and Security Policy concerning to detention of Dr.Merera Gudina, a former MP (Member of Parliament) and leader of the Oromo People’s Congress party and violation of human and political rights in Ethioipa. Dr. Merara was arrested last week in Addis Ababa upon his arrival from Europe.

Ethiopian Security Forces have robbed his properties like money, computers, books, notes, etc. from Dr.Meraraa Gudina’s house while they arrested him. His part’s properties also robbed.

-----------------------------------------------------------------------------------        
Toorri interneetii Woyyaanee miseensaa parlaamaa gamtaa Awuroppaa kan taate Ana Gomez footoo isii akka sareetti balleessee maxxansseera. Waanuma isiin  hidhamuu Dr.Mararaa Guddinaatiifi dhiittaa mirgoota ilmaan namaatiifi siyaasaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru dubbatteef  akkana  godhane. Yoona osoo isiin lammii Itoophiyaa iteete 'shororkeessituu' jedhaneeraniin.


Ana Gomez
Miseensa paarlaamaa Awuroppaa kan taate Ana Gomez torbaan dabarte keessa hidhamuu Dr. Mararaa Guddinaa ilaalchisuudhaan xalayaa Gamtaa Awuroppaa, keessumattuu bakka bu’oota haajaa alaa fi dhimma nageenya Gamtaa Awuroppaa tti xalayaa bareessite. Xalayaa Ana Gomez barreesite kun, dabalata hidhamuu DR. Mararaa Guddinaa irratti, haalaa dhiitta mirgoota ilmaan namaatiifi kan dimookiraasiille ilaalchisuun xalayaa barreessite.


Dr. Mararaa Guddina Magaalaa Finfinneetti akkuma Awuroppaa irraa deebi’aniin qabamanee hidhamane. Qabeenni Dr. Mararaa Guddina maallaqani, kompiitarri, kitaabonni, yaadannoowwaan barreeffamaa isaaniitiifi qabeenni paartii isaaniille Woyyaaneen jalaa saamameera.