Dhiigni ni danfa; irraanille
ni danbala’a. Dhiigni ni ajjeesa, ni du’alle. Dhiigni dhiigaaf dhiiga; dhiigni
dhiigaaf lola’a. Dhiigni ni aara; dhiigni ni dhaabata. Dhiigni ni deema.
Dhiigni ni iyya, dhiiga baasaa yookiin gumaa baasaalle ni yaama. Dhiigni yoo
dallaneefi yoo danfe waan hedduu balleessa, akkasuma waan hedduu qulqulleessa. Woyyaaneen
dabaan dhiiga Oromoota yeroo dhangalaastu, dhiigni Oromootaa gammoojjii cophi
bishaanii hin jirre keessatti lola’uun qonna masinoo (jal’isii) ta’uun abdii
bilisummaa lachisiiseera. Haa ta’uutii garuu, osoo abshaalummaafi qaroominni
jiraate, laggeen akka Gannaalee, Daawwaa, Waabee Shabalee, Baaroo, Mormor,
Dhidheessaafi kkf osoo jiranii, dhiiga namaa dhangala’aa jiruun sanyii midhaanii
bilisummaaf facaasuun madaalawaa miti.
Dhiigni Oromoo ajjeechaa,
hidhaa, dhaanicha, ukkaamsaa, loogii, haqa dhoowwachuufi….. Woyyaaneetiin
dallanuufi danfuu woyta itti fufee jiru kanatti, gantoonni (kaadonni) Oromoo dhiiga
isaanii ganan, Woyyaanee caalaa dhiigni Oromoo akka dallanuufi danfu
taasisaneeran. Woraabessi yoo madaa’u madaa ofiisaa gara galee nyaataa akkuma
jedhamu, gantoonni Oromoo, madaa Oromoo keessaa Oromoo nyaatanu, maqaa
jaarsummaa biyyaatiifi maqaa abbaa gadummaa sobaatiin faayidaa dhiigaa, kan
isaaniif hin malle argachuuf akka imiimii yookiin roobaan jireettiitti kosii
itti dhokatan keessaa yaa’uu jalqabuu isaanii agarree jirra. Caasaa ijaarsaa
mootummaa keessa kanneen jiraniifi dheebuu angoo harcaatuu jarreen qabanu,
yeroodhaaf cinatti dhiisnee, yeroo wolgayii gara garaatiif gara qe’ee mootummaa
harka dhiigaatti afeeramanee wamamanutti beesee yookiin maallaqa dhiigaa
kanneen dhandhamaneefi mi’eeffatane, maqaa abbaa gadummaatiifi maqaa jaarsaa
biyyummaatiin Woyyaanee woliin ta’uudhaan daba uummata irratti yoo hojjatan ragaa
qabatamaa woliin Qeerroo Oromootiin qabamaneeran.
Gaafiin abbaa biyyummaatiifi
falmii qe’eefi qabeennaa ofiitiif falmachuun dhiheenna kana guutuu Oromiyaa keessatti akka deemamaa tureefi ammalle deemamaa
jirachuun akkuma beekamutti, Godina Gujii keessattille mormii karaa nageyaatiin
taasifameen lubbuun namoota nageyaa hedduun mootummaa harka dhiigaatiin
galaafatameera. Sheek Mohaammad Huseen Allamuddiifi Woyyaanonni, woggootaan 17
oliif, halkaniifi guyyaa, guyyaa hujiitiifi ayyaanaa adoo hin jedhin, nannoo
Shaakkisoo Laga Dambiifi Saakarroo qofa keessaa wogga tokkotti worqii toonii
4.5 yookiin kuntaala 45 woggaa tokko tokkotti akka oomishanii saamaa jiranu
ragaan toora interneetii isaaniirraa argame ni mul’isa. Akka malee
duroommachuun Allaamuddiniifi Woyyaanotaa keessaa tokko kan ta’e saamama worqii
Gujiiti. Saamicha Worqii woggoota 17f Laga
Dambiitiifi Saakarrootiin kan hin quufin woyyaanonniifi Allaamuddin, lafa
worqii ta biraa irraa uummata kaasuuf karooraan gadi bahuun isaanii, mormii
guutuu Oromiyaatti finiinaa jiruun walqabatee, uummata naannoo akka malee
dallansiisee mormisiiseera.
Mormii uummataa kanaan walqabatee,
haala nama gaddisiisuufi nama baasonfachiisuun, abbaa gadaa osoo hin ta’in,
abbaa gadaa kan if taasise obboo Bokkoo Gannaalee kan jedhamuufi fakkaattonni
isaanii, “Waldaa Abbootii Gadaa Oromoo Gujii” jedhuufi kan uummaanni hin beekni
magaalaa Finfinneetti hundeessuun isaanii bira gahameera. Kun kanaan osoo jiru,
akka aadaatiifi sirnyaan kan filataman abbaan Gadaa Gujii, Abbaa Gadaa Jiloo
Maandhoo osoo jiruu, namni abbaa gadaa ifiin jedhu kuniifi fakkaattonni isaa
qorii dhiigaa keessaa nyaachuu kan baratan, maqaa abbummaa gadaa Gujiitiin
chaappaa boccisiifatanii maallaqa miliyoona shan kubbaaniyyaa worqii midirookii
yookiin Woyyaanee gaafachuu isaanii, xalayuma isaan gaafa 15. 07. 2008.
A.L.I.tti barreessanirraa hubachuun danda’ameera. Daldaltoonni dhiigaa kunneen,
kan uummata keessa bahaniifi uummata jalaa miliquufi bahuu akka hin dandeenne
beekanii, qarshii duubarra isaan nyaattu nyaachuurraa akka if qusatanuufi gara
uummataa isaaniitti akka deebi’aniif balballi akka malee dhiphoon isaaniif
hafuunsaa barameera.
No comments:
Post a Comment