Thursday, November 17, 2016

Journalist Abdi Gada is found in prison/Abdii Gadaa mana hidhaatti argame

OBS-Oromia Broadcast Service Television journalist, Abdi Gada is found in Adama prison. Abdi Gada was arrested and imprisoned in Adama, Ethiopia. He was kidnapped by Ethiopian security forces last week on November 9, 2016 and nobody knew his whereabouts for a week. Our anonymous sources told us that Journalist Abdi Gada is imprisoned with Ifa Gamachis- a member of the Oromo Federalist Congress Political Party and others. A lot of people are also imprisoned. Our source said, “Abdi was not in Adama for more than a week. The Ethiopian government security forces took him somewhere out of Adama and after that they brought him to Adama jail.” 

--------------------------------------------------------------------------------------  
Gazeexeessaan Oromoo kan TV OBS- Broadcast Service Television keessatti aadaa, afaan, aartiifi seenaa Oromoo keessatti sagantaalee babbareedoo hojjachuun beekamtii biyya keessaafi alattille horate Abdii Gadaa mana hidhaa magaalaa Adaamaa keessatti iyyaateen argamuusaa maddeen keenna nutti himaneeran. Gazeexeessaan kun, gaafa guyyaa 09.11. 2016 magaalaa Adaamaa keessatti akkuma hujii baheen ukkaamfamee achi buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u, akkuma maatiin, hiriyoonniifi waahiloonni isaa “Abdiin mootummaan butamee hidhamuu hin ooluu”  jedhanii shakkanitti, Abdiin harka mootummaa mana hidhaa Adaamaa keessatti argameera. Abdii torbaan tokkoof eessaa akka geessanee gara Adaamaatti akka deebisan, wanti beekame hin jiru jedhameera. Miseensi Paartii Kongireensii Federaalawa Oromoo ka ta’e, Ifaa Gammachiis namni jedhamulle bakka Abdiin itti hidhamee jirutti  hidhamee jira. Kanneen eenyummaan isaan hin baramin Oromoonni kumaatamoonnille hidhuma jiranii, hihamaalle jiran. 

No comments:

Post a Comment